Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kibaa Ityoophiyaa Keessatti Sababa hongeetiin  beelladoonni du’aa akka jiran gabaasamee.


Hongee Itiyoophiyaa
Hongee Itiyoophiyaa

Waggoottan Sadan darbaniif waan roobn hin turreef gandaa kibba Ityoophiyaatti argamu Kura Qaalichaa keessatti beelladoonni manaa du’aa jiraachuu isaani fi reenfii beeladootaa hedduun akka lafa hongeedehaan goggoge irratti mul’achaa akka jiru gabaasinii madda oduu Rooyiters ibsee jira.

Jiraataa gandichaa fi loon isaani 75 keessaa 73 akka jalaa du’an kan ibsan Jiloo Wiilee, yeroo ammaa daa’imman, maangudootaafi dobartootaa ulfaa dabalatee, namoonni dhibaan lakkawaman beelaan kan ka’ee haalaa hamaa keessa jiraachuu isaanii akka himan gabaasni kun ibseera.

amma ammaati beelaan kan ka’ee lubuun namaa darbee jiraachuu isaa akka hin beeknee kan himan jiraattonni gargaarsi taasifamaafii jiruu gahaa akka hin taanee dubbachuun isaaniis beekameera.

Dubartiin wagga 40 haatii ijoolee Torbaa ijoolee ishee lamaa wajjin karaa guba keessa kiiloomeetiri 85 milaan deemtee mooraa gargaarsaa aanaa Dubuluq keessatti argamuu gahuu ishee kan ibsee gabaasini Rooyiters, moorchaa keessa namoonni kuma 53 ta’an godoo xixiqqoo keessa akka jiraachaa jiran ibsera.

Akka dhaabbbanni mootummoota gamtoomani jedhutti, lammileen Ityoophiyaa yeroo amma gargaarsa namoomaa barbaadan Miliyoonii 12 kan ta’aniidha.

Baraa darbee 2022 mootummaan Ityoophiyaa gargaarsa namoomaatiif kan oolu Doolaarii Biiliyoonii 3.4 akka isa barbaachisu kan ibsee yemmuu ta’u sana keesaa kan argamuu danda’ae walakkaa qofa akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG