Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni 14,300 Dhukuba TB Irraa Fayyuu Isaanii Embaasiin Yunaayitid Isteets Beeksisee Jira.


EMBASII AMEERIKAA -FINFINNEE
EMBASII AMEERIKAA -FINFINNEE

Lammileen Itiyophiyaa 14,300 ta’ani fi magaalotaa keessaa jiraatan dhukubaa Sombaa miidhuuf TB tkn Tuberkiloos jedhamee beekamuu irraa fayyuu isaani Embaasiin Yunaayitid Isteets Finfinneetti argamu ibsaa guyyaa har’aa baaseen beeksisee jira.

Dhaabbanni misooma adduunyaa kan Yunaayitid Isteets ykn USAID sagaantaa waggootan sadii dhukubsatootaa TB addaan baafachuu, waldhaanuu fi fayyisuu milkaa’inaan xumuruu isaa kan hime ibsi embaasichaa, USAID hojii kanaaf doolaara miliyoonii Afur ykn birria Itiyoophiyaa miliyoonii 200 fi miliyoonii 15 baasuu isaa beeksiseeraa.

Hojichii kan mil’kaauu danda’e sochii, minstiraa fayyaa, biiroolee fayyaa bulchiinsaa magaalota Finfinnee, Diree dawaa fi biiroo fayyaa bulchiinsaa naannoo Hararii, akkasumas, dhaabilee hawaasaa Torbaa wajjin taasifameen ta’uu isaa ibsii embaasichaa dabalee eereera.

USAID dhibee TB tin walqabatee waggoottan sadan darbaniif sochii taasiseen magaalotaa Ityoophiyaa keessatti namoottan kuma 200 fi kuma 35 irrati hojachuu isaa kan dabalee ibsii embaasiin Yunaayiti Isteets, dhaabbatichii barra 2022 keessaa gargaarsa namoomaa fi misoomaa doolaara Biliyoonii 1.8 ta’u Ityoophiyaa keessatti hojii irra oolchuu isaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG