Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessaatti Balaan Lolaan Bishaanii Lubbuu Namootaa Galaafate


Somalia Flooding
Somalia Flooding

Somaliyaa keessaatti torban kana balaa lolaa roobaatiin daa’imman jaha dabalatee namoonii 21 du’uu isaanii dhaabileen gargaarsaa kan mootummoota gamtoomani ibsanii jiru.

Kibba Bulchiinsa Geedoo anaa Bardheere keessatti bokkaa jabaa rooben kan ka’ee lagoonni Shabalee fi jubbaa guutanii waan dhangala’aniif lolaan hamaan ummamee namoottan lubuun isaanii darbee allatti, namoonni kuma 100 ol ta’an, midahmuu isaanii dhaabanni oduu Asooshiyeeted press dhaabbile gargaarsa namoomaa waabefachuudhaan ibsee jira.

Bakkaa daangaa Itiyophiyaatii dhihoo ta’ee kana irratti balaa lolaa bishaanii muudatee Kanaan buufataleen fayyaa manca’uu isaanii dhaabanii bulchiinsaa balaa Somaaliyaa ibsee jiraa.

Mannootan baruumsaa 4 lolaa Kanaan waan midhamaniif barattoonni kuma Sadii ta’an baruumsa isaanii addan akka kutuuniifi laftii qotiinsaa hektaara 1000 ta’u bishaaniin huwisamuu isaa dhaabileen gargaarsaa kan mootummootaa gamtoomanii ibsanii jiru.

Balaan lolaa bishaanii kun kan muutaee, hawaasinii naanichaa waqtiwwan shanan darbaniif balaa hongeetiin dararamaa erga turee booda. Balaa hongee kann lammileen Somaaliyaa miliyoonii 8.25 gargaarsaa namoomaatiif kan saaxilaman yemmuu ta’u, namoonii miiliyoonii 1.4 ta’an immoo jireenyaa isaanii irraa buqa’uu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ibsuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG