Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Iraani fi Sa’udi Arabiyaa Waltti Araarsaa Jirti


China Saudi Arabia Iran
China Saudi Arabia Iran

Biyyoottan walakeessaa bahaa Iraanii fi Sa’udii Arabiyaan waldhabdee waggootan Torba darbaniif gidduu isaanii turee hikuudhaaf yemmuu yaalaa jiran kanatti Chaayinaan walgahii ministiroota dhimma alaa biyyootan lammanii kamisa har’aa keessumeesitee jirti.

Akka ministirri dhimma alaa Iraan ibsetti, ministeerri dhimmaa alaa Iraan Hooseen Amiraabdolaahiin fi giti isaan kan Sa’udii Arabiyaa, Pirins Faayisaal Bin Farhaan Al Sa’udii akkaataa Embaasii deebisanii banuu fi walitti dhufeenyaa biyyoottan lammanii deebisanii itti fufsiisu iraatii waligaltee irra gahanii jiru.

Biyoottan lamman sadarkaa kanna irraa kan gahan walitidhufeenyaa ji’a darbe keessaa karaa Chaayinaatiin mijateen akka ta’e ibsameera.

Yemmuu Yunaayitid Isteets dhimmoottan walakeesaa bahaa irraa qalbiidhaan boodattii deebi’aa jirtu kannatti, waligalteen Iraanii fi Sa’udii gidduutti taasifamee Chaayinaadhaaf injifannoo dipilomaasii isa guddaa akka ta’e gabasameera.

Walti dhufeenyii biyyoottan lammanii kun kan lafa qabate yemuu rakkin Yaman keessa jiruu isa Iraanii fi Sa’udiidhaan gamasiif gamanaa degeramu dhaabsisuudhaaf yaaliin dipilomaasii itti fufee jirutti ta’uun isaa ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG