Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Humnoota Addaa Kan Bulchiinsa Naannoo Maraa Hikkachiisuuf Sagaanteeffachu Ishee Beeksiifte


Humnootii Itiyoophyaa
Humnootii Itiyoophyaa

Humnoota addaa kan bulchiinsa naannoo hunda gara waraana biyyoolessaa, yookaan poolisii federaalaa yookaan polisii naannootti makuuf akka yaadu Mootummaan Itoophiyaa Kamisa kaleessaa ibsee jira.

Tarkaanfiin kun akka yaalii ofiin of bulchuu naannoolee dhuunfaa hir’isuuf ta’eetti fudhatamuu hin oolu.

Itiyoophiyaan bulchiinsa naannoo 10 keessatti gurmaa’ee fi sadarkaa tokko tokkoon ofiin of bulchuu kan qaban yoo ta’u, waraana naannoo ofii qabaachuu irraa kaasee hanga mirga afaan ofii fayyadamuutti qaban.

Mootummaan Fedeeraalaa waraana cimaa fi giddu galeessa ta'e tokko ijaaruuf kallattii kaa'een humnoonni addaa kan bulchiinsa naannoo hunda, caasaa nageenyaa adda addaa keessatti akka dabalaman tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhacuu eegaluu isaa, mootummaan ibsa baaseen beeksisee jira.

Beeksisni kun labsamu sa'aatii muraasa dura miidiyaaleen bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiran, walitti bu'iinsa humnoota biyyoolessaa fi naannoo gidduutti uumamuu, kunis humnii addaa Amaaraa, meeshaa waraanaa kennuu diduu isaaniitiin kan ka'e ta’uu gabaasanii turan.

Dubbi himaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Gizaachoo Muluneh yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef battaluumatti deebii hin laannee.

Mootummaan ibsa baaseen, bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti muddamsii uumamuu isaa mirkaneessee, garuu kun kan ta’e imaammata kana irratti hubannoo dogoggoraa qabaachuu fi gareewwan humna naannoo sana cina jiran komate.

Humnoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa bara 2020 yeroo waldhabdeen humnoota finciltoota Tigraay kaabaa waliin ka’ett, loltoota federaalaa kanneen Muummee Ministeeraa Abiy Ahmad hogganaman deeggaran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG