Somaaliyaan hidhattoota al-Shabab waliin waraana marsaa lammaffaaf yeroo qophooftutti, gaazexeessitoonni sarara duraa, naannoo bilisa ba’ee fi lolaa gaggeeffamu hangam dhaqqabuu isa jedhu irratti miidiyaalee walabaa fi mootummaa gidduutti waldhabdeen uumameera.
Ibsa Bitooteessa 25 Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa baaseen, Hagayya bara 2022 hanga baatii Amajjii bara 2023 gidduutti duula waraanaa marsaa jalqabaa gaggeeffameen, hidhattoonni al-Shabab 3,000 ajjeefamanii, 3,700 dabalataan madaa’uu isaanii ibsee ture.Kana malees, magaalonni fi gandoonni 70 al-Shabab irraa bilisa ba’uu ibsuun isaa beekama dha.
Gama biraatiin gareen hidhattootaa Al-Shabaab duula waraanaa marsaa jalqabaa mootummaan Somaaliyaa fi qabsaa’onni naannoo sanaa gaggeessan fashalaa’uu himee jira. Maddeen walabaa gama lachuu himan kana mirkaneessan hin beekan.
Daarektarri Raadiyoo Risaala kan Moqaadishoo keessatti amaadheeffatee Mohaammad Abdiwahab akka jedhanitti, yeroo waraana marsaa jalqabaa gaazexeessitoonni sarara fuulduraa akka hin seenne fi irra caalaa waan qondaaltonni mootummaa fi hidhattoonni al-Shabab himatan irratti kan hundaa’an ta’uu ibsaniiru.
Amma garu looltoota waliin duullee adda waraanaa fi lafa bilisa ba’e irraa, oduu walaba gabaasuu qabna jedhan.
Forum