Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tuumttonni Deemookraatootaa Lama Naashviil Keeaatti Mana Maree Keessaa Ari’aman


Tennessee Republicans vote to expel Democratic lawmakers from statehouse in Nashville, TN
Tennessee Republicans vote to expel Democratic lawmakers from statehouse in Nashville, TN

Seera tuumtoonni Rippabilikaanotaa kutaa Amerikaa gama kibbaa keessatti argaman, Kan Tennasii, Kamisa kaleessaa seera tuumtoota paartii Dimookiraatotaa lama irratti sagalee kennuun, mana maree seera baastuu kutaa biyyattii keessaa ari’uudhaan tarkaanfii hin baratamne fudhataniiru.

Seera tuumtoonni ari’aman kun, torban darbe mana maree ykn Kaapitoolii kutaa sanaa keessatti, to’annoo qawwee dabalataa akka taasifamu mormiitoota gaafatan sana irratti hirmaatan.

Kunis dhukaasa mana barumsaa Nashville keessatti dhiheenya kana gaggeeffamee, ga’eessota sadii fi barattoota ganna 9 sadii ajjeefamuu hordofee, mormii gaggeeffame ture.

Dubartii seera tumtuun paartii Deemookraatootaa irraa ta’an sadaffaan hanqiina sagalee tokkoon hin ari’amiin hafan.

Seera tuumtoonni ari’aman lamaan– Joonsii fi Jastiin Piirsan – dhiirota lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Afriikaa yoo ta’an, miseensi mana maree sadaffaa - Gloria Johnson – kan hanqiina sagalee tokkoon ari'amuu irraa hafte dubartii adii dha.

Hoggantoonni paartii Rippabilikaan garuu waa’een sanyiin ari’amuu jarreenii waliin walqabatee hin jiru jechuun haalan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG