Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baahir Daar Keessatti Boombiin Dhohee Lubbuu Namootaa Galaafatee Jira


Magaalaa Baahirdaar
Magaalaa Baahirdaar

Magaalaa Baahiir Daar keessatti Dilbata kaleessa galgala sa’atii 2 daqiiqaa 20 irratti, Bombiin mana nyaataa fi dhugaatii naannoo Abbaay Maadoo jedhamee beekamuu tokko keessatti dhooheen lubbuun nama 3 dabree namoonni 10 ta’an madaa’uun beekamee jira. kan naannoo sanatti argamu hospitaalli sadarkaa duraa Addis Aleemiif Bakka bu’aa Meediikaal Daayreekteeraa kan ta’an Dr, Mitikkuu Tganyee RSAf har’a kana mirkaneessanii jiru.

Ogeessaa Faarmaasii hospitaalichaa kan ta’an Obbo Daanyeew Masfiin, dhoohiinsa sana booda namoota mada’an baayyeen hospitaa seenaa akka turan lakkoobsii namoota ajjeefamanis isa jedhame kana caaluu akka maluu ibsan.

Mana nyaataa fi dhugaatii Mimmii Groosarii jedhamu keessatti bombiin yeroo dhoheetti achiin ture, garuu maqaan koo akka hin ibsamnee kan jedhan namnii tokko namoonni lama battalumatti du’u qrguu isaanii fi battalumattis humnootiin nageenyaa naannoo sana to’achuu ibsan.

Namoonni ka biroon lama dabalataan du’uu namoonni haala isaa itti dhiyeenyaa hordoofan natti himaman kan jette oduu gabaastuun RSA, Haleellaan kana eenyu akka rawwatee fi odeeffannoo dabalataa polisii biraa argachuuf yaaliin taasiisee hin milkoofne jettee jirti.

Humnootii addaa kan bulchiinsoota naannoolee caasaa nageenyaa kan mootummaa Feedeeraala jalatti gurmeessuuf murteeffamuun isaa, bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti mormiin isa mudatee jira.

Magaalaa Baahiir Daar keessatti Hospitaalootaa fi Baankiilee kanneen faffaakata irraa kana hafee, kaleessaa qabaee dhaabbatonni daldalaa guutummaatti cufaa oluu isaanii argeera jechuun Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG