Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Mormiin Itti Fufeera: Jiraattoota


Magaalaa Dasee
Magaalaa Dasee

Bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalota gurguddoo tokko tokko keessatti, murtee mootummaan Humna Addaa naannoo diiguu fi caasaa nageenyaa birootti makamuuf murteesse guyyoota walitti aanan afuuriif balaaleffachuu itti fufanii jiru. Bulchaa naannoo kan ta’an Obbo Yilqaal Kaffaala tasgabbii fi of qusannaa akka qabaatan gaafatan iyyu, mormiin isaanii Wiixata har’a itti fufeera.

Guyyaa har'aa namoonni kumaatamaan lakkaawaman daandii magaalaa Dasee irratti bahuun, murtee mootummaa balaaleffachuu fi humna addaa Amaaraa waliin tumsa qaban agarsiisanii jiru.

Mormitoonni magaalota tokko tokko keessatti sochii konkolaataa ugguraniiru. Obbo Yiliqaal miseensota Humna Addaa Amaaraa, kanneen mooraa isaanii dhiisanii ba’an akka deebi’an gaafatanii jiru.

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad, murteen mootummaan humna addaa naannolee diiguu fi caasaa nageenyaa birootti makuuf murteesse akkuma karoorfameen hojiirra oola jedhan.

Rooytars akka gabaaseetti, naannoo Amaaraa yoo xiqqaate magaalota lama keessatti Dilbata kaleessaa namoonni kuma hedduun ba’uun mormii dhageesisaa yeroo turanti,dhukaasni dhaga'amuu jiraattonni himanii jiru.

Ajajni kun naannolee Itiyoophiyaa keessaa 11 hunda kan ilaallatu yoo ta'u, bulchiinsa Amaaraa keessatti fudhatama dhabee jira.

Jiraataan magaalaa Gondar, bakka mormiin guddaan itti geggeeffamaa ture tokko yoo ta’u, miseensonni humna addaa Amaaraa ajaja kana cabsuun, halkan guutuu meeshaa waraanaa isaanii gara samiitti dhukaasanii akka turan dubbatan.

Jiraattonni magaalaa Qoboo lama magaalattiin alatti dhukaasa meeshaa waraanaa dhaga'uu isaanii himaniiru.Mormiin kun yoo xiqqaate magaaloota 6 keessatti gaggeeffamuu ibsanii eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatanii jiru.

Dubbi himaan mootummaa federaalaa fi kan waraana Ityoophiyaa akkasumas mootummaa naannoo Amaaraa hatattamaan yaada akka kennan gaafachuuf dhaqqabuun hin danda’amne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG