Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Tigraay Dhiyaa Irraa Buqqa’an Qe’e Keenyatti Nu Deebisaa Jedhu


Buqqaatota
Buqqaatota

Sababaa wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa keessatti gaggeeffamee tureen kan ka’e,Buqqaatonni gara magaalaa Maqaleetti dheessanii jiran keessaa hangi tokko, gara qe’ee keenya irraa dheessineetti nu deebisaa jechaa jiru.

Wal waraansa dura Tigraay dhiyaa jedhamee kan waamamanuu fi kan amma bulchiinsii naannoo Amaaraa fi kan Tigraay irratti wal falmaa jiran irraa, namoonni buqa’an, Maqalee keessa jiran, gargaarsii ga’an isaan dhaqqabaa waan hij jirreef jecha, qe’e ofitti deebi’uuf gaafatanii jiru.

Bulchiinsa yeroo kan Tigraayiif prezidaanrii kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa hogganoota naannoo Sanaa kanneen biroo waliin baka buqqaatonni kun keessa buufatanii jiran kan daawwatan yoo tau, haala qabatamaa keessa jiraniis arganii buqaatoota waliin marii gaggeessanii jiru.

Qe’e ofitti deebi’uuf gaaffii irra deddeebiin dhiyeessa kanaaf deebii kennuuf jecha bulchiinsii isaanii dhimmi ilaalcha duraa itti kennee hojjataa jiru akka ta’e ibsanii, hatattamaan qe’e isaanti akka deebi’an gochuuf irratti hojjatamaa jira jechuu Obbo Geetaachoo Raddaa dubbachuu muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG