Maddeen ajjeechaa kanaaf, finciltoota garee jihaadii Islaamummaa waliin hidhata qaban komataa jiru.
Hogganaan waldaalee siivikii naannoo sanaa Paatriik Mukoheen bilbilaan Ajaans Firaans Preesiif akka himanitti, “Humni diinaa kan ittiin jedhan Allaayid Deek=mookraatiik Foors (ADF) jedhamu, Jimaata galgala naannoo sa’aatii 4tti, ganda Enebulaa cinatti qonnaan bultoota irratti duulee ture jedhan.
Mukohe akka jedhanti bakka ajjeechaan kun itti raawwatame, magaalaa Oicha irraa gara dhihaatti gara kiiloo meetira 30 fagaatee argamuu, bulchiinsa Kiivuu kaabaa keessatti reeffa dhiiraa fi dubartootaa 21 lakkaa'uu isaa dubbatan.
Mana reeffi hospitaala Oicha keessa kan hojjatu Juuls Kambalee reeffa namoota 19 fudhuu isaanii dubbatan.
Bulchaan waraanaa naannoo sanaa Chaarlis Ehutaa Omeangaan haleellaa kana mirkaneessanii, haleellaa kanaafis "shororkeessitoota ADF" jechuun kan walqabsiise yoo ta'u, garuu lakkoofsa namoota du’anii isa sirrii ibsuu akka hin dandeenye dubbatan.
Finciiltonni ADF, jalqaba Uugaandaa keessa turan, bara 1990moota keessa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bahaa keessatti iddookan qabate yoo ta’u, ergasii lammiilee nagaa kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuudhaan himatame.
Humnoota seeraan ala ta’an hedduun naannoo rakkoo guddaa keessa jiru KANA keessatti lubbuu namaa akka hamaatti galaafatu keessa tokko ta’eera
Forum