Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bidiruun Godaantoota Heedduu Feete Rakkoon Mudate Hin Baraaramiin Jirti


Namoota gara 400 ta’an kan keessa jiran bidiruun kun Giriikii fi Maaltaa gidduutti qabamtee, bishaanni ishee fudhachaa akka jirtu tajaajilli baraarsaa “Alaarm Foon” jedhamu, Dilbata kaleessaa ibsee jira.

Kunis, erga bidiruun godaantootaa Afrikaa kaabaa irraa galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuran dhahaa galaanaan haalaan eega ol ka’anii booda jedhamee jira.

Alaarm Foon Twiitara ofii irratti akka barreesseetti, bidiruu Liibiyaa magaalaa Tobruk irraa ka'e halkan tokko guutee irraa bilbilamuufii ibsee kanas aanga'ootaaf beeksisuu isaa ibseera. Garuu aanga'oonni hanga ammaatti hojii baraarsaa hin jalqabne jedhan.

Alaarm Foon akka jedhett, i bidiruun kun amma naannoo barbaacha fi baraarsaa Maaltaa keessa jirti.

Dhaabbanni kan mootummaa hin ta’iin kan Jarmanii “Sea-Watch International” jedhamu, Tiwiitara ofii irratti akka maxxanseetti, bidiruu kanaa fi doonii daldalaa lama naannoo sanatti argachuu isaa ibseera.

Garu, angawoonni Maaltaa dooniiwwan kunneen irratti hojii baraarsaa akka hin raawwanne ajajuu isaanii fi isaan keessaa tokko boba'aa akka isheef dhiyeessu qofa akka gaafatame ibseera.

Haala kana ilaalchisee Yaada akka kennaniif aanga'oota Maaltaa battalumatti qunnamuun hin danda'amne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG