Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Naannoo Amaaraa Keessatti Taasifamaa Jiru Itti Fufeera  


FAAYILII - Miseensota human addaa naannoo Amaaraa ayyaana guyyaa Qudus Gooegisii Laalibalaa keessatti yeroo kabajamu, Godina Kaaba Walloo, Amajjii 2013.
FAAYILII - Miseensota human addaa naannoo Amaaraa ayyaana guyyaa Qudus Gooegisii Laalibalaa keessatti yeroo kabajamu, Godina Kaaba Walloo, Amajjii 2013.

Sochii mormii bulchiinsaa naannoo Amaaraa keessatti diigumsaa umna addaa naannichaatiin walqabatee mootummaa feederaalaa irratti taasisamaa jiruu guyyaa shaniif walitii aansee itti fufuun isaa beekameeraa.

Magaalaa Guddicha naannichaa Baahir daar keessatti mormitoonni dhakaadhaan kara cufuudhaa fi gommaa gubuudhaan mormii isaanii kan ibsan yemmuu ta’u, godina walloo kibbaa magaalaa kombolchaa keessattis jiraattonni hiriira bahuudhaan mormii isaanii agaarsiisanii jiri.

Godina Shawaa kaabaa magaala Debrebirhaan keessatti mormiitoonni umna ittisaa biyyaa wajiin walti bu’uun isaaniis gabaasameera.

Waltti bu’insaa Kanaan kan ka’ee magaalaa Dabreebirhaan keessatti yoo yaratee namoonni 10 du’uun isaanii akka hin oolle jiraattonii Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Namoottan ajeefaman keessaa wareen naannoo Ormiyaa irraa buqqa’anii magaal Dabrebirihaan mooraa Chaayinaa jedhamuu keessaa qubatan akka jiran himameera.

Naannoo magaala Dabrebirihaan irratti karaan waan dhagaan cufameef immalli Kaaba irraa gara Finfinneetti taasifamuu fi Fifinneedhaa karaa kaabaatii taasifamu akka dhaabbate beekamera.

Guyyaa qibxata har’aa morimmiwwaan taasisamaniin walqabatee magaalota Baahirdaarii fi Debremaarqoos keessatti dhukaasiin dhagahamaa akka turee jiraattonni himaniiru. Dhukaasaa Kanaan midhaan qaqqabuu isaa fi dhiisuu irratti wantii ifatti beekame hin jiru.

Mannoottan baruumsaa, dhaabbileen daldalaa fi waajiraaleen mootummaa magaalotaa mormiin keessatti taasifamaa jirutti argaman cufaamuun isaanii beekameera.

Walti bu’iinsa Kanaan walqabatee ajjeechaa raawwatame irraatti karaa haanga’oota mootumaatiin amma ammaati ibsii ifatti kennamee hin jiru.

Biiroon Kominikeshiinii magaalaa Debirebirhaan tooraa miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka ibsettii, abuuniin waldaa Ortodokisii Ityoophiyaa kan godinaa Shawaa kaabaa Abune Qelleminaxoos dhimmichii abootii ammataafii jaarsolii biyyaatiin akka ilaalamu waamichaa dhiheesuu isaanii beeksiseetra.

Paartiin sochii Biyyaalesaa Amaaraa/ABN, tarkaanfii mootummaa federaalaa mormuudhaan ibsa baaseen, mootummaan umna addaa diiguu irraati murtoo dabarse akka jijjiruu gaafatee jira.

Muumichii ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahmed murtoon mootummaa isaanii naannoo tokko qofa kan ilaallatu akka hin taanee ibsanii, sochii umna addaa diiguu irratti mootummaan isaanii yaada isaa akka hin jijjiirre ibsuu isaanii Masfin Arraagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG