Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keesssatti Hojjettonii Dhaabbata Gargaarsaa Lama Ajjeefaman  


FAAYILII - Karaa Kombolchaa -Jibuutii baadiyyaa naannoo Amaaraa keessa, Muddee 13, 2020.
FAAYILII - Karaa Kombolchaa -Jibuutii baadiyyaa naannoo Amaaraa keessa, Muddee 13, 2020.

Bulchiinsaa naannoo Amaaraa keessatti hojjattonnii gargaarsaa dhaabataa tajaajila gargaarsa Kaatoliikii / CRS lama ajjeefamuun isaanii gabaasameera.

Gabaasinni Maddii oduu Rooyityers darekteraa quunnamitti dhaabatichaa Kiim Pozniyaak waabefachuudhaan baase, Hojjattonni dhaabbatichaa lamman kan ajeefamman magaalaa Qobboo keessatti akka ta’e ibsee, guyyaa Dilbaata yemuu ajjeechaan sun raawwatee dhukaasiinii meeshaa waraan gurgudaa bakka sanatti raawwachaa akka ture eerera.

Dhukasni bakka ajjeechichii itti raawwate keessatti taasifamaa ture mormii mootumma feederaalaa irratti taasifamaa jiruun wal qabachuuf dhiisuu isaa irratti gabassichii wantii hin jiru.

Namoottan ajjeefaman lamman hoggantoota nageenyaa dhaabatichaa keessa tokko kan ta’an Chu’ool Toongyiik fi konkola’achisaa dhaabatichaa Amaaree Kindeyya ti. Namoonni kun kan ajjeefaman, naannoo Amaaraa keessaa hojii irra turaanii yemmuu gara Finfinneetti deebi’aa jiran akka haleellaan irratti raawwate ibsii dhaabataa tajaajila gargaarsaa Kaatoliikii irraa bahe beeksiseera.

Karaa biraatiin, Karooraa mootumaan feederaalaa Umnna addaa naannoo diiguudaaf baasee mormuudhaan naannoo Amaaraa keessatti mormiin yemmuu taasifamaa jirutti, magaalaa Baahirdaar keessatti balaa boombii qaqqabeen namoonni tapha kubbaa miilaa ilaalaa turan Lama du’anii hedduun madaa’uu isaanii Rooyiters madaawwaan hospitaalaa waabefachuudhaan gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG