Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Tokkummaa Mootummootaa Midhaan Gargaarsaa Itiyoophiyaa Keessatti Hatamuu Beeksise 


FAAYILII - Konkoolaataa qarqaarsa nyaata baatee gara Tigraay deemaa jiru, Erbittii, Waxabajjii 9, 2022.
FAAYILII - Konkoolaataa qarqaarsa nyaata baatee gara Tigraay deemaa jiru, Erbittii, Waxabajjii 9, 2022.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomaniitti jaarmiyaan gargaarsaa nyaataa Ityoophiyaa keessatti hanna midhaan gargaarsaa irratti raawwatame qorachaa jiraachuu isaa akka ibse maddi oduu Assooshiyeetid Prees gabaasera.

Dhaabbata sagaantaa midhaan nyaataa Adduunyaatii Daarekteeraa Itoophiyaa kan ta’an, Kilaawud Jibidar xalaayaa Ebla 5 bara 2023 michuuwwan dhaabilee gargaarsaatiif barreesaniin, midhaan gargaarsaa gabaa keessatti gurguramaa jiruu WFP akka yaaddesee ibsanii, gochichii gargaarsaa dhaabatichii fuula duraatti namoottan gargaarsii barbaachisuuf taasisuuf deemuu gaaffii keessaa akka galche ibsaniiru.

Daarekteerichii Xalayaa isaanii Kanaan dhaabileen gargaarsaa biroo itti fayyadama dogoggoraa midhaan nyaataa irratti odeeffannoo akka waliif qoodan gaafachuu isaanii kan ibsee gabaasinni Assooshiiyetid press/AP, xalayichii dhimmii addaan baasee lafa kaa’ee akka hin jire eerera.

Haa ta’u malee dhaabileen gargaarsaa of beeksisuu hin barbaanne lamma midhaan gargaarsaa namoottan kum 100f oolu kuusaa midhaan gardaarsaa magaala Shireetti argamu keessaa baduun isaa akka irra gahamee himuu isaanii gabaasinii AP kun ibseera.

Akka hojjattan garagaarsaa tokkoo himetii midhaan nyaataa hatame kun gargaarsaa dhaabbataa misoomaa kan Yunaayitid Isteets ykn USAID irraa kan kennameedhaa. USAID ibsaa karaa Emeeliitiin tamsaaseen gargaarsaa inni Kaabaa Ityoophiyaatti taasise keessaa ammi tokko miliquu isaa akka addaan baafatee ibsuun isaa gabaasameera.

nyaanni gargaarsaa kun akkamitti, eenyuuna akka hatamee gabaatti dhihaachaa jiru gabaasinii kun gadi fageenyaan hin ibsine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG