Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaan Muummeen Tokkummaa Mootummootaa  Somaaliyaa Daawwatan 


Barreesaa Muummee Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteres fi Pirezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheyik Mohamud, Moqaadisoo, Ebla 11, 2023.
Barreesaa Muummee Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteres fi Pirezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheyik Mohamud, Moqaadisoo, Ebla 11, 2023.

Barreesaan muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guteres qibxata har’aa biyya walwaraansaa fi balaa hongeetiin rakkachaa jirtu Somaaliyaa daawwachuudhaaf magaala Moqaadishoo seenanii jiru.

Antooniyoo Gutereess yemmuu magaalaa Moqaadishoo seenan, ministeerri dhimmaa alaa Somaliyaa Abshir Omar Huruus simannaa taasisaniiruuf.

Antooniyoo Guterees bara 2017 dawwnna jalqabaa erga Somaliyaattii taasisanii as dawwanaa yeroo lammaffaaf taasisan Kanaan hoggantootaa siyaasaa biyyatti wajjin akka marii taasisanuu fi bakkeewwan namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an qubatanii jiran akka daawwatan madeewwan oduu biyyatii ibsaniiru.

Dhimma nageenyaatiif jechaa Danndiiwwan magaala Moqaadishoo garri caalaan cufamuun isaanii fi sochii konkola’atootaa dhorkaa ta’uun isaa gabasameera.

Dhaabbanii Mootummoota gamtoomanii Somaliyaa dabalatee biyyoottan gaafaa Afrikaa balaa hongeetiin midhaman gargaaruuf degersa qarshii biiliyoonii lama akka isa barbaachisu ibsus amma ammaatti garuu kan argamuu danda’e dhibeentaa 13 qofa akka ta’e gabaasameera.

Balaa hongee irratti dabalamuudhaan dhiheeyaa kana immoo balaa lolaa roobaatiin kan ka’ee yeroo ammaa lammiileen somaaliyaa walakkaa ta’an gargarsii namoomaa akka isaan barbaachisuu dhaabbanii mootumootaa gamtoomanii beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG