Giddu galeessa godina Gondor aanaa Belesaa gama bahaa fi ganda Aybaashikaa keessatti hojjettoonni waldaa fannoo diimaa lama rasaasaan rukutamuu isaanii waldichi beeksisee jira.
Fannoo diimaan hojjettoota isaa irra miidhaa dhaqqabe ilaalchisuun fuula Feesbuuk isaa irratti akka barreessetti, Ebgla 9, bara 2023 haleellaa ambulaansii waldichaa irratti hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen haleellaa raawwateen shofeera ambulaansichaa fi Narsii ogeessa nama deessisuu irra miidhaan ga’eera jedha.
Haleellaan sun kan raawwate, galgala naannoo sa’a 2:30 haadha miixuun qabe mana ishee irraa gara buufata fayyaatti geessuuf gara mana isheetti deemaa utuu jiranii ta’uu kan ibse Fannoo diimaan, haleellaa sanaan hojjettoota isaatti dabaluu dhaan konkolaataa sana irras miidhaan ga’uu ibsee jira.
Haala mudate ilaalchisee ibsa akka kennaniif kan sagaleen Ameerikaa gaafate itti gaafatamaan kominikeeshinii waldaa fannoo diimaa Itiyoophiyaa obbo Mesfin Derejjee, haleellaan sun ennaa raawwatu naannoo sana walitti bu’iinsi kan hin jiraanne ta’uu isaa fi kanneen miidhaan irra ga’e wal’aansa fayyaa argatgaa jiraachuu isaanii ibsaniii, yeroo ammaa naannoo sanaa daandiin cufamuu isaa dubbataniiru.
Waldaan fannoo diimaa haleellaa sana cimsee kan balaaleffatu ta’uu ibsee, humnoonni hidhatan gocha isaanii irraa akka of qusatan gaafateera.
Waldaan fannoo diimaa dameen Itiyoophiyaa, dhiyeenya naanoo Amaaraa keessaa dhukkubsattoota rakkoo fayyummaa lubbuu isaaniif sodaachisu qaban utuu gargaaraa jiranii haleellaan ambulaansii fi hojjettoota eegumsa fayyaa irratti raawwatun nu yaaddesseera jechuun fuula twitera isaa irratti barreesseera jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum