Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Naannoo Amaaraa Keessatti Geggeessamaa Ture Hanga Tokko Tasgabbaa’uun Ibsame 


Hiriira mormii kaleessa magaala Kombolchaa keessatti geggeeffame, naannoo Amaaraa, Ebla 11, 2023.
Hiriira mormii kaleessa magaala Kombolchaa keessatti geggeeffame, naannoo Amaaraa, Ebla 11, 2023.

Mootummaan federaalaa humna addaa naannoo poolisii fi raayyaa ittisa biyyoolessaa waliin walitti makuuf karoorfachuu isaa morumuu dhaan mormii guyyoota shan oliif geggeessametti aansee magaalaalee keessatti tasgabbiin hangi tokko uumamee jira.

Godina Walloo Kibbaa Dasee fi magaalaalee Kombolcha keessaa daldalaawwanii fi waajiraaleen hangi tokko banamuu jiraattonni VOAf ibsaniiru. Baahir Daar keessaa garuu manneen barnootaa, daldalaawwanii fi waajjiraaleen mootummaa guyyoota sadii walitti aanuuf cufaatti turan.

Itti gaafatamaan waajjira paartii biyya bulchu Badhaadhinaa kan naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yeshixilaa akka jedhanitti, mootummaan rakkoolee mara marii dhaan hiikuuf qophee dha jedhan.

Mormii ka’e kanaan Kibxata kaleessaa naannoo Amaaraa keessaa itti dhukaafamuun namoonni hedduun ajjeefamuu angawoonni naannoo fi hojjetaan hospitaalaa tokko dubbataniiru.

Jiraattonni naannoo Amaaraa Kibxata darbe magaalota hedduu keessatti mormiin haaromfamuu kan gabaasan yoo ta’u, hiriirri kun magaalaa Kombolchaa keessatti gara walitti bu’iinsatti geeddarameera.

Kantiibaan magaalaa Kombolchaa obbo Mohaammad Amiin akka jedhanitti, loltoonni federaalaa miseensota humna naannoo Amaaraa tokko tokko uukkaamsuun butan kan jedhu odeeffannoon sobaa babal’atee, mormitoonni kaampii waraanaa irratti haleellaa akka raawwatan taasiseera.

Kaneen dhakaa dhaan dha’amanii fi rasaasaan rukutaman gara hospitaalaatti geeffaman jiru. Miseensonni humnootii naga eegumsaa jechuun waraanni federaalaa fi mormitoonni illee keessa jiru jechuu dhaan lakkoobsa namoota du’anii booda irra kan ibsan ta’uu dubbataniiru.

Maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan jiraataan magaalaa Kombolchaa, lotltoonni federaalaa dhuguma humnootii naannoo hidhuuf ennaa yaalii taasisan mormitoonni jidduu akka seenan taasiseera jedhan.

Reeffa namoota itti dhukaafamuuun ajjeefaman shanii fi kanneen biroo madaa’an 10 arguu isaanii dubbataniiru. Doktorri hospitaala magaalaa dhiyoo kan magaalaa Dassee tokko akka jedhaitti, hospitaalli isaanii Kombolcha irraa namoota 12 madaa’anii dhufan simachuu isaaf kanneen biroon du’uu isaanii dhageenyeerra jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG