Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Somaaliyaaf Gargaarsa Gaafatan  


Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootsa Antooniyoo Guteres buufata dhaabbatichaa Halanee keessatti ibsa oggaa kennan, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla 12, 2023.
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootsa Antooniyoo Guteres buufata dhaabbatichaa Halanee keessatti ibsa oggaa kennan, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla 12, 2023.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootsa Antooniyoo Guteres kurnawwan keessatti hongee hamaan mudatee hin beekne kan dhahame gaanfa Afriikaa ennaa daawwatan hawaasni addunyaa Somaaliyaaf deggersa taasisu akka dabalu gaafataniiru jedha gabaasi Rooyiters.

Somaaliyaan yaaddoo shororkeessummaatti duulaa ennaa jirtutti, rakkoo namoomaa hamaatu ishee mudatee jira. Muummichi brreessaan tokkummaa mootummootaa buufata xayyaaraa sadarkaa addunyaa ennaa dhaqqaban angawoonni taasisaniiruuf.

Simannaa ho’aa ta’eef prezidaantiin Mahaammudiin galateeffatanii jiran. Irra hedduun Moqaadishoo daawwannaa Gutereesiin kan ka’e cufataa fi sochiin geejjiba uummataas daangeffamee jira. Mahamud, Guteres rakkoo namoomaa hamaa furuuf ennaa tattaaataa jirruu fi shororkeessummaa irratti duula geggeessamu safisaa ennaa jirttutti daawannaa seena qabeessa geggeessuu isaaniif galateeffataniiru.

Ogeessonni dhimma wabii nyaataa akka jedhanitti, hongeen seenaa keessatti hamaa ta’e kun uummata Somaaliyaa beela’e kanneen miliyoona 6 ta’uuf hedduu yaaddessaa dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG