Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkara Gosaa Guyyoota sadaan Darban  Daarfuur Gama Dhiyaa Keessatti Ka’een Namoonni 14 Du'an


Kan yeroo dheeraa dhaaf walitti bu’iinsaan raafamaa ture Sudaan naannoo Daarfuur keessatti dhiigni dhangala’e guyyoota sadan darbanitti yoo xiqqaate namoota 14 galaafachuu qabsaa’onni mirgaa namaa lama Kibxata kaleessaa himuu isaanii Associated Press gabaaseera.

Qabsaa’aa naannoo kan ta’e Adam Haruun akka jedhanitti, Dilbata darbe bulchiinsa Daarfur Lixaa keessatti walitti bu’iinsi kan ka’e erga namoonni Arabaa qawwee hidhatan mootoor saayikiliin deeman magaalaa ganda baadiyyaa Fur Baraangaa keessatti nama daldalaa tokko rasaasaan rukutanii ajjeesanii booda ture. Ajjeechaan sun gareewwan gosoota Arabaa fi gareelee gosoota Afrikaa gidduutti haleellaa haaloo ba’iinsaa fi saamicha walduraa duubaan raawwatame dhaqqabsiise jechuu dhaan dubbi himaan dhaabbata biyya keessaa kan mooraa baqataa Daarfuur keessa geggeessuu fi gargaaru Adam Regaal.

Jeequmsi kun Kibxata kaleessaa itti fufee kan ture yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka hin oolle Haruun beeksisaniiru. Wixata darbe, bulchaan Daarfuur Lixaa labsii yeroo muddamaa torban lamaaf labsuu dhaan guutuummaa bulchiinsa kanaatti uggura sa’aa labsaniiru.

Xiinxaltoonni, ji’oota darban keessa gareewwan gosoota adda addaa naannolee ganda baadiyyaa Sudaan keessa jiran gidduutti jeequmsa dabalaa dhufe bu’aa bakki aanoo duwwaa ta’uu isaa ri muddama jeequmsa siyaasaatiin akka ta’etti hubatu.

Dhuma baatii Bitootessaa keessa walitti bu’iinsa Lixa Daarfuur keessatti uumameen yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamaniiru. Onkoloolessa darbe immoo walitti bu’insa kutaa Biluu Naayili keessatti uumameen namoonni 170 ol ajjeefamaniiru.

Akkasumas Kibxata darbe, Tokkummaan mootummoota viidiyoon nama bakka bu’aan addaa Tokkummaa mootummootaa kan Sudaan keessaa akka ajjeefaman gaafatu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti erga mul’atee booda yaaddoo guddaan qaba jedhee jira.

Viidiyoo sana irratti namni Abdel-moneeyim jechuun of ibse “Fatwaa”n gaafadha jedhee jira. Volker ajjeesuuf fedha koon nan hojjedha jedhee jira. Kana ka dubbate deggertoota prezidaantii duraanii waliin kanneen hidhata qaban garee Islaamummaatiin konferensii xiqqoo qophaa’e irratti ture.

Dubbi hmaan tokkummaa mootummootaa Isteefen Dujaarik ibsa kibxata kaleessaa kennaniin, jechoonni nama dadammaqsuu fi hookkaraa kun adda addummaa gamas jiru daran cimsa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG