Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xaaliyaaniin Lakkoobsa Baqattootaa Biyya Ishee Heddummaataa Jiru Labsii Yeroo Muddamaa Labsite 


FAAYILII - Godaantota Sisilii seenan, Caamsa 12, 2021.
FAAYILII - Godaantota Sisilii seenan, Caamsa 12, 2021.

Mootummaan Xaaliyaanii lakkoobsi lakkoobsa koolu galtootaa heddummaataa adeeme to’achuuf labsii yeroo hatattamaa labsuu ishee ibsiteetti. Komiishinerri addaa dhima kana hordofu illee kan moggaafamu ta’uuisaaf, hojii kana fiixaan baasuuf illee Yuuroon mliyoonni 5 ramadamuuu beeksistee jirti.

Mootummaan gara mirgaa leellisu kan Xaaliyaanii Kibxata kaleessaa labsii yeroo muddamaa biyyoolessaa ji’a jahaaf ture labsuu dhaan lakkoobsa godaantota andaara galaana kibba biyyattii seenanii fi baay’achaa dhufe tasgabbeessuuf gargaara jedhee jira.

TVn mootummaa akka jedhetti komishinarri addaa dhimma kanaaf uumame ni moggaafama jedhamee eegama. Maallaqni jalqabaa Yuuroo miiliyoona 5 ykn doolaara miiliyoona 5.5 ga’u akka qaama tarkaanfii muummicha ministeeraa Joorjiyaa Meloonii fi Kaabinee isaaniitti raggaasifameera.

Wal ga’ii kaabinee booda ibsa kenneen mootummaan, labsiin yeroo hatattama sun odola Mediteraaniyaan keessatti kan argamtu magaala xaaliyaanii xiqqoo keessatti kan tuuch’an lakkoobsa baqattoota humnaan olii hir’isuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhatame jedhee jira.

Akkasumas, Xaaliyaanii keessa qubsumaa fi adaamsa baqattoota gara biyya ofiitti deebisuuf geggeessamu qindeessuuf mijataa ta’uu ibsi mootummaa sun itti dabaluun beeksiseera.

Erga jalqaba waggaa kanaa qabee, koolu galtoonni 31,000 ta’an garee baraarsaa waraana xaaliyaanii ykn dooniiwwan dhaaba gargaarsaan kan baraaraman ykn immoo gargaarsa utuu hin argatin Xaaliyaanii ga’uu isaanii ragaan ministrii dhimma biyya keessaa ni mul’isa.

Waggaa kana koolu galtoonni lakkoobsi isaanii baay’ee ta’e, Ivori koost irraa kan dhufan yoo ta’u, Giinii, Paakistan, Masrii, Tuniisiyaa fi Bangilaadesh irraa illee kan dhufan ta’u ibsi ministrichaa tuqee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG