Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caasaa Naga Eegumsaa Haaraa Diriirsuuf Sochii ta’u Keessatti Miidhaan Akka hin Geenye of Eeggannoon Ta’uu Qaba:  ISEMEGU


FAAYILII - Miseensota humna addaa naannoo AMaaraa, laalibalaa, Amajjii 25, 2023.
FAAYILII - Miseensota humna addaa naannoo AMaaraa, laalibalaa, Amajjii 25, 2023.

Mootummaan humni addaa naannoo diigamee gara caasaa nageenya ka birootti akka darbu murteessuun, marii fi bifa mirga namaa hin miineen hojii irra akka oolu komiishiniin mirga namaa Kan Itiyoophiyaa gaafatee jira.

ISEMEGUn ibsa isaa kanaan tarkaanfiiwwan humnoota nageenyaatiin fudhatamanii fi haleellaan namoota qawwee qaban adda baafamaniin raawwatame hojjettoota gargaarsaa dabalatee namoonni nagaan akka du’aniif sababaa ta’uu ibse. Komishinichi dhiittaalee mirga namaa hojii qorannoo isaa geggeessuun cinatti furmaata karaa nagaa fiduuf angawoota waliin bobba’ee kan hojjetu ta’uu ibsichi tuqee jira.Daayiriktera ol aanaa dhimma qorannoo dhiittaa mirga namoomaa kan komiishinichaa Mizaamee Abatee mirga namaa ilaalchisuun qoranaa geggeessuun cinatti, rakkoo kanaaf furmaata karaa nagaa fiduuf aangawoota waliin bobba'aa akka jiru ibsan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG