Dubbi hjimaan Tokkuummaa mootummootaa dhimma gurumuu naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Ripaablikii Afriikaa Waaltaa fi Sudaan Kibbaa keessaa ilaalchisuu dhaan tuuta oduuf ibsa kennanii jiran.
Har’a Niw Yoork keessatti ibsa gaazixeessotaaf kennaniin Isteefen Dujaarik akka jedhanitti gurmuun naga eegumsaa kan ripaablikii Afriikaa waaltaa adeemsa nageenyaa jiru ilaalchisee ofitti amantaan uumuu akkasumas fedhii hawaasaaf jalqaba haala barbaachisuun deebii kennuuf jecha jedhan.
Dujaarik itti dabaluu dhaan, Ergamni kun Manni Murtii Ol’aanaa Bira’oo, kan Vakagaa keessatti argamu deebisanii dhaabuu jalqabee jira jedhan. Kunis aangawoota naannoo waliin ta’uun kan raawwatame yoo ta’u, qaama tattaaffii bal’aa dandeettii biyyoolessaa ijaaruu ti jedhan.
Itti fufuun, gurmuun ergama kanaa torban darbe biyyattii keessa osoo sakatta’aa jiruu naannoo km 38,000 ol ta’utti kan bobba’e yoo ta’u, naannoo waraanni lafoon dhaqqabuuf rakkisaa ta’e keessatti qilleensa irraan hordoffii fi sakatta’iinsaa 17 raawwateera.
Sudaan Kibbaa ilaalchisee Dubbi himaan kun gaazexeessitootaaf akka himanitti, “ergamni nagaa eegsisuu keenya kan achi jiru, lola dargaggoota ganda Akiloo kan Piiboor gidduutti raawwatuuf deebii kennuuf, agawoota naannoo waliin hojjechuu dhaan muddama jiru gad xiqqeessee, nageenya hojjettoota gargaarsa namoomaa fi qabeenyaa irra balaan akka hin geenye ittisuu irratti hojjetaa jira jedhan.
Naga ergdonni keenya kaleessa Kodook kan Upper Nile keessa jiru haala isaa qorataa ka jiran ta’uu ibsanii, haalli naannoo hamma tokko tasgabbaa’uu isaa dubbi himaan kun ibsanii jiran.
Forum