Liqiin mootummoota addunyaa erga weerarri Covid-19 ka’ee as ka mul’ate caalaa sadarkaa yaaddessaa irra ga’uu isaa dhaabbanni maallaqa addunyaa (IMF) Roobii darbe akeekkachiiseera. Waggoota shanan dhufan keessatti daballii liqaa eegamu irra caalaa dhaaf Chaayinaa fi Ameerikaan itti gaafatamummaa akka qaban hoogganaan kutaa dhimma maallaqaa IMF Vitoor Gaspaar gaaffii fi deebii AFP waliin geggeessaniin beeksisaniiru.
Kana kan dubbatan gabaasa waggaa kan IMF Roobii kaleessaa ganama maxxanfamuu isaa dura. Bara 2023tti haala liqiin mootummoota irra jiru weerara COVID dura isa ture caalaa ol aanaa ta'e argaa jirra jedhan. Yunaayitid Isteetis keessatti liqiin mootummaa oomisha dinagdee biyya keessa irraa argamu waliin dhibba irraa meeqa akka ta’e ennaa ilaalamu, bara 2027tti sadarkaa olaanaa dhaan isa bara weerara COVID ni caala jedhamee eegama jedhan Gaspar.
Chaayinaan gama isheen waggaa waggaa dhaan liqaan kun dabaluu argaa deemti jedhamee eegama, kunis kan ta’e Caayinaan fedhii meeshaa biyya alaatti erguu irraa gara fedhii biyya keessaa qabdutti ce’uu isheetiinjedhan Gaspar. Yunaayitid Isteetisii fi Chaayinaa-n alatti ba’aan lqaa biyyoota biroo irra caalaan isaa giddu galeessaa fi haala gaarii irra jira jedhan.
Liqiin addunyaa dabalaa dhufeef deebii kennuu dhaan IMF faayinaansii ilaalchisee haala jiru akka cimsu beekamee jira. kunis gatiin maallaqaa akkaan akka hin kufnee fi dhalli garmalee akka ol hin kaane ittisa jedhamee jira.
Forum