Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Liqii Doolaara Biliyoona Lamaa IMFn Gaafachaa Jirti


IMF-ETHIOPIA
IMF-ETHIOPIA

Waashingiton keessaatii dhaabataa maalaaqaa aduunyaa wajiin marii kan taasisaa jirtu Ityoophiyaan sagantaa haaromisaaf kan ooluu liqii doolaara Biiliyoona lamaa gaafachuu ishee madaawwan dhimichatti dhiheenyaa qaban Afur waabeffachuudhaan Rooyiters gabaasee jira.

Akka gabaasinni madda oduu Rooyiters jedhetti, erga haanga’oonii dhaabataa maalaqaa Aduunyaa IMF Bitootessa 27 amma Eblaa 7 Ityoophiyaa keessaa turanii deebi’anii boodaa walgahiin waashingteen keessatti IMF fi baankii adduunyaa wajjin taasifamu itti fufee jira.

Dhaabanni maalaqa adduunyaa xiinxalaa itti fufiinsa liqaa taasisaa jiraachuu isaa kan ibsee gabasiin kun, akka xiinxalaa dhaabatichaa isaa jalqabaatti Ityoophiyaan fedhii ishee guutachuudhaaf amma bara 2026 hirdhina doolaaraa Biiliyoona Jahaa qabaachuu akka dandeessu ibseeyaa. Yeroo amma maalaqaa gaafachaa jirtuu Biiliyoona lama yoo argatteyyuu hanqinii dolaaraa Biiliyoona Afurii akka ishee muudatuu IMF xiinxaluun isaa gabaasameera.

Ityoopiyaan bara 2021 akkaataa waligaltee biyyootaan dureeyii “G-20” jedhamanii beekamanuutiin haalii liqii biyyoottan galii xiqaa qabanii irra deebi’amee akka ilaalamuu qabu gaafatee turete. Haata’u malee walwaraansii baraa 2020 jalqabamee biyyatii keessatii adeemaa ture haalaa liqichaa akka walxaxaa taasisee ture Rooyiters ibseeraa.

Dhimma kan irratti ibsaa dabalataa argachuudhaaf dubbii himaa IMF ,minsteraa maalaa Itiyoopiyaa irraa obbo Eyoob Tekaaliny Toliinaa fi bulchaa baankii biyyaalesaa Ityoophiyaa Obbo Maammoo Mihiretu gaafachuudhaaf yaaliin taasisee akka hin milkoofneef gabasinii Rooyiters kun beesiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG