Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni 25 Galaana Handaara Tuuniziyaa Keessati Du’anii Argaman    


FILE - Migrants and refugees from various African countries in the Mediterranean Sea.
FILE - Migrants and refugees from various African countries aboard a wooden boat in the Mediterranean Sea.
FILE - Migrants and refugees from various African countries in the Mediterranean Sea. FILE - Migrants and refugees from various African countries aboard a wooden boat in the Mediterranean Sea.

Godaantonni Afrikaa irra galaanaa Mediteraniyaan gamaa Awuroopaatii ce’uudhaaf yaalaa turan 25 du’anii 15 immoo bakka buuteen isaanii dhabamuu isaa haanga’onni Tunisiyaa beekisisaniiru.

Waardiyaaleen daangaa galaanaa kan mootummaa Tuniziyaa kamisaa kaleessaa bakka “Sfaaks” jedhamuu fi buufata doonii walakeesaa baha Tunisiyaatti argamu irratti bidiruu galaana keessatti dhidhimte jalaa reenfaa namoota 15 kan arganii ta’uu isaa abbaan alangaa bulchiinsa naanichaa dhaabataa oduu Assooshiyeetid Preess/AP ti himuun isaanii gabaasameera.

Roobii dheengaddaa immoo waardiyaaleen daangaa Tunisiyaa bidiruu biroo galaana keessatti dhidhimtee keessaa reenfaa namootta 10 baasanii , namoottan 72 immoo lubuudhaan baraaruu akka danda’an beekameeraa. Akka haanga’oonii bulchiisaa naannoo buufata doonii sana tilmaamanitti namoonii 15 amma 20 ta’an bakka buuteen isaanii hin bekamenne.

Goodaantonii sun hunduu lammile Afrikaa warren biyyoottan gamoojjii Saara gadii irraa garas kan dhaqaniidhaa. Akka haanga’oonii daangaa Tunisiyaa ibsaniti torbaanoota dhiheenyaa kanaa keessaa namoonii karaa seeraan alaa galaan irraa garaa Ixaaliyaatti imalan lakoofsaan garmalee dabalaa deemee jira.

Prezidaantiin Tuniziyaa Kaa’iis Sa’id dhiheenyaa kanna godaantotaa Afrikaa biyyoottan Saaraa gadii irraa garas deeman ilaalchisee ajjaja dabarsaniin kan ke’ee baqattoonni biyyatti keessa jiran soda keessa seenuu isaanii AP gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG