Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteesia Antonii Bliinkan fi Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Kiingdama, Jeems Klaac\varly wiixata har’a , Sudaan keessatti dhukaasa dhaabiinsi akka ta’u gaafataniiru.
Gamnii lameen sudaan keessatti wal waraanaa jiran dinummaan wal ilaaluu kana dhaabuuf fedhii kan hin qabne taanaan, biyyi isaanii gara wal waraansa sivilootaa kan biyya keessaatti seenuu akka dandeessu, Muummichi ministeera Sudaan duraanii Abdalla Hamdok Dilbata kaleessaa akeekkachiisanii jiru.
Hamdook magaalaa guddoo Tokkummaa biyyoota Araba Emireeootaat Abu Daabii irraa haasawa taasisaniin sudaan wal waraansa walii keessa akka hin seennee gochuuf , uummata sudaaniif carraan jiru tokkittiin furmaata karaa nagaa ti jedha.
Daarfuur kaabaa keessatti namoota ajjeefaman keessaa sadii hojjettoota Sagantaa Nyaata Addunyaa kan Tokkummaa Mootummoota ta’uu ibsameera. Sagantaan Nyaata Addunyaa erga hojjattoonni isaa du’anii booda, hojii biyyattii keessatti gaggeessuu dhaabuu isaa ibsee jira.
Dilbata kaleessaa waaree booda gareewwan lamaan gidduutti dhukaasa dhaabuu sa’aatii sadii akka ture Tokkummaan Mootummootaa beeksisee kan ture ta’us, jiraattonni miidiyaaleef akka himanitti dhohinsi guddaan akkasumas, dhukaasni itti fufuu, fi haleellaan qilleensa irraa Dilbata kaleessaa galgala maadhee RSF dhaga’amuu ibsan.
Rooyitars akka gabaaseetti, lola kanaan namoonni 365 kan madaa’an yoo ta’u, gabaasaaleen biroon ammoo namoonni hanga 600 ta’an madaa’uu ibsaniiru.
Dubbi himaan barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa ibsa baasaniin, Antoniyoo Guterres du’a hojjettoota sagantaa Nyaata Addunyaa sadan Daarfuur Kaabaa keessatti raawwataman dabalatee du’aa fi miidhaa namoota nagaa irra ga’e cimsee balaaleffanna jedhan.
Guterres gareewwan wal waraanaa jiran gidduutti hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu irra deebi’anii waamicha dhiyeessan jechuun ibsi Tokkummaan Mootummootaa kun hubachisee jira.
Forum