Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Tigiraay Namoota Yeroo Waraansa Hidhaman Dhiifamaan Gad-lakkisaa akka Jiru Beeksise   


Loltoota Itoophiyaa yeroo waraanaa booji'aman, Naannoo Tigraay Adoolessa 2, 2021.
Loltoota Itoophiyaa yeroo waraanaa booji'aman, Naannoo Tigraay Adoolessa 2, 2021.

Bulchiinsa Naannoo Tigraay keessatti namoota walitti bu'iinsa waggaa lamaa keessatti hidhamanii turan kan lakkoofsi isaanii "hin mirkanoofneef" dhiifama gochuu fi gadi lakkisuu isaa, Bulchiinsi yeroo ce’umsaa kan naannoo beeksise.

Itti gaafatamaan waajiira Haqaa naannoo Sanaa, obbo Haddush Tesfaa gaazexeessitootaaf akka himanitti, dhiifamni kun namoota mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa biyya bulchu jiru waliin hojjetan jedhamanii ‘diina waliin tumsan’ jedhamuun himataman of keessaa qaba.

Paartii mormiituu kan ta’e Arena Tigray bulchiinsi naannoo Sanaa, yeroo waldhabdee waggaa lamaaf Itoophiyaa kaanaa keessatti gaggeeffamees ta’e , waliigaltee nagaa kan Pritooriyaa boodas, namoota "kuma kurna hedduu mana hidhaatti tursiise jechuun himatee jira.

Dubbi himaan paartichaa Amdom Gebresillasie RSAf akka himanitti, yeroo waldhabdee Itiyoophiyaa Kaaba sana namootni hedduun ''seeraan ala'' hidhamaniiru jechuu isaanii Muluugeetaa Atsbehaa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG