Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lollii Jeeneraalota Waraanaa Sudaan Gidduutti Itti Fufee Jiruu Namoota Hedduu Akka Galaafataa Jiru Himame  


Smoke rises from burning aircraft inside Khartoum Airport during clashes between the paramilitary Rapid Support Forces and the army in Khartoum
Smoke rises from burning aircraft inside Khartoum Airport during clashes between the paramilitary Rapid Support Forces and the army in Khartoum

Walwaraansi umnoottan waraan mootummaa Sudaan giduutii taasifamaa jiru guyyaa Sadfaadhaaf itti fufee jirutti , amma wixata kaleessaatti namoonii 185 ol du’amii 1,800 ol immoo madaa’uun isaanii akka mirkanaa’e maddaawan oduu gabaasaa jiru.

Walwaraansaa gareewwan lammanuu taankiidhaaf meeshaalee waraanaa gurguddaa fayydamuudhaan taasisaa jiran kana irratti, xiyyaaronni waraanaas hirmaachaa jiraachuu isaanii kan ibase gabasooni Assooshiyeetid prees/ AP reenfonni loltootaa daandiwwan magaalaa Kaartuum keessatti waan mul’achaa jiranuuf lakkoofsi namoottan du’aniif madaawanii waan amma ammaatti beekamee ol ta’uu danda’a jedhee jira.

Walakeessa magaala Kaartuum keessatti lola itti fufee jiruun , wiirtuu Ajjaja waraanaa sudaan keesaatti egaa dhoohimsii cimaan dhagamee boodaa haarii adiin Samii irratti akka mul’achaa ture kan ibsee gabaasinii AP, baraattootaa Yuniversitii Sudaan koleejii Injineerinng keessatti karaa bahan dhabanii qabamanii jiraan 88 keessaa barataan tokkoo du’ee kan biraa immoo madaa’uu isaa ibsee jira.

Jeeneraalonni walwaaranaa jiran lamman Burhaanii fi Dagaaloon fonqolchaa anngoo onkoloolessa bara 2021 taasifamee waloodhaan ergaa raawwatanii booda hogganaaf itti aanaa hogganaa ta’uudhaan qaamaa mootummaa biyyatti bulchuu dursaa turan.

loltoonni garee Dagaaloo garee Milishaa jaanjaawud jedhamuu keessaatti kan guddate yemuu ta’u, hogganaan garee kanaa Dagaaloon akka demokraasiidhaaf falman of ibsanii, garee Burhaanii immoo farra dimokraasii fi Shorokeessaadhaa jechuun himatanii waraanaa biyaaleesaa Sudaanii wajjin lola keessaa akka seenan dubachuun isaanii gabaasame.

Walwaraansichii magaalaa Kaartumii fi naannoo isaatii allatti naannoo daangaa Masrii fi Itiyoophiyaa irrattis taasifamaa akka jiru kan ibsee gabbasi AP buufata xiyyaara waraanaa barbaachisaa ta’eef bakka MEROWE jedhamuuti argamuu irratii erga lolli cimaan taasifamee boodaa gareewan lammanuu akka too’annoo isaanii jala oole himachaa jiru.

Dhukaasinii dhaabbatee gara marii nagaati deemuun haala danda’amu irratti falaa barbaachuudhaaf Yunaayitid Isteets fi gamtaa Awuroopaa wajiin ta’uudhaan hoggantoota gamtaa Afrikaa fi Liigii Arabaa wajjin akka maryachaa jiraan bareesaan muummee dhaabataa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG