Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayited Hoogganoota Gareelee Waraanaa Sudaan Wal-Lolaa Jiran Waliin Dubbatan   


US Secretary of State Antony Blinken speaks during a news conference at the conclusion of a G7 Foreign Ministers' Meeting at the Prince Karuizawa hotel in Karuizawa, Apr. 18, 2023.
US Secretary of State Antony Blinken speaks during a news conference at the conclusion of a G7 Foreign Ministers' Meeting at the Prince Karuizawa hotel in Karuizawa, Apr. 18, 2023.

Hoggantoonni gareewwan lamman Sudaan keessatti walwaraanaa jiraanii akka dhukaasaa dhaaban ministeerii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken gaafatanii jiruu.

Antoonii Biliinken ergaa konkolatootaa dipilomaatota Yunaayitid Isteets irrati dhukaasii banamee guyyaa tokkoo boodaa qibxataa har’aa hoggantootaa gareewwan wal waraanaa jiranuu wajjin dubbachuu isaanii himanii, tarkaanfii dipilomaatootaa irratti fudhatameen nammii miidhame akka hin jirree ibsanii gochichii barbaachisummaa hariitidhaan dhukaasa dhaabuu waan agarsiisu ta’uu isaa beeksisanii jiru. Biliinken ibsa kennaniin,

Ganama kana jeneraalota, Mohaamed Haamdaan Dagaloo ajajaa umna dafee qaqqabaa fi Abdel fattaah Abdelrahiman al Burhaniif bilbilan taasiseen haleellaan, sodaachisii,haalaa bala qabeessaa ta’ee keessaa galchun dipilomatota keenyaa irratti raawwatu akka fudhatama hin qabne ifa taasiseeraa. Wantii ta’e qoratamaa jira. Odeeffannoon jalqabaa akka ibsutti tarkaanfichii kan fudhatamee umnota Dafee qaqqabaa ykn RSFni kan jedhuudha. Irraa deebi’ee dipilomaatota keenyaa balaadhaaf saaxiluun akka fudhatama hin qabne Jeneral hamdayitti himeeraa. Yaadumaa walfakkaataa Jeneral Burhaaniidhaafs qoodeera.” Jedhan blinken.

Waamichii Biliinken hoggantootaa waraanaa Sudaaniif taasisan waamichaa hawaasinni adduunyaa taasisaa jiruu keessaa isaa tokko yemuu ta’u, ministeeronni dhimmaa alaa biyoottan “ G 7” jedhamanii beekamanuu jaappan irraa ergaa dabarsaniin walwaraansichaa balaaleffatanii, lolichii nageenyaa lammiilee Sudaan haalaa hamaa keessaa kan galchee fi yaalii gara dimokiraasiitti ce’uu kan tuffateedha jechuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG