Umnoottan waraanaa Masir warreen Sudaan keessatti argaman waraanaa sudaan wajjin shaakalli waraanaa taasisuuf malee garee kamiinuu degeruudhaan akka hin taanee Prezidaantiin Masir Abdel Faattaah al Siisii himanii jiru.
Erga walwaraansii umnoottan waraanaa mootummaa Sudaan giduutti Ebla 15 jalqabamee as gareen waraanaa Sudaan “RSF” jedhamee beekamuu, loltootaa mootummaa Masir magaalaa Meeroowe jedhamuu keessatti “harkaa kennaniiruu” jedhamanif kanneen loqodaa afaan Araabaa Masiriin haasa’an suur sagalee tamsaaseen agarsiisaa ture.
Prezidaantiin Masir ergaa mana maree ajajootaa waraanaa ol aanoo biyyaa isaanii wajjin walgahii taasisanii booda tamsaasa televijiinii mootummaa irrtti haasaa taasisaniin nageenyaa loltootaa Masir Sudaan keessa jiran mirkaneesuu irratti garee RSF wajjin wal qoonamuu isaanii ibsaniiru.
Hogganaan garee RSF ykn Umna dafee qaqqabaa Mohaamed Hamdaan Dagaaloo Televijiiinii “Sky News” tamsaasa afaan Arabaaf akka ibsanitti loltoonii Masir nagaa ta’uu isaaniif midhaanii fi bishaan akka argachaa jiran himanii akkataan biyyaa isaaniitti deebi’an mijeeffamaa akka jiru beeksisaniiru.
Gareewwan wal waraanaa jiraan akka waligaltee dhukaasa dhaabuu irraa gahan gaafachuu isaaniis Prezidaantiin masir dabalanii ibsuun isaanii gabaasameera.
Forum