Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartuum Keessatti Wal Waraansi Guyyaa Shanaffaaf Itti Fufee Jira


Gandoota Kaarum naannoo walwaraansi jiru, Sudaan, ebla 15, 2023.
Gandoota Kaarum naannoo walwaraansi jiru, Sudaan, ebla 15, 2023.

Wal waraansii humnoota jeneraalota wal lolaniif amanamoo ta’an kan sudaan gidduutti sambata darbe jalqabamee guyyaa shanaffaaf Roobii har’as kan itti fufee yoo ta’u, kunis addunyaa gidduu galee akka dhukaasii dhaabiinsii argamee hojii oola jedhamee sa’aatii muraasa booda ture.

Dhukaasa dhaabuun guyyaa tokkoof gaggeeffamuu kun, silaa gara yeroo dheeraaf waraana dhaabuuf akkasumas gara marii dhuma irratti taasifamuutti deebi’uuf hundee ta’a jedhamee yaadamee ture. Humni waraanaa Sudaan Kibxata kaleessaa Humni Deeggarsa Saffisaa morkataa ta’e kaayyoo namoomaaf jecha dhukaasa dhaabiinsa labsamee hojiirra oolchuu dhabuun isaa lola guyyaa shanaffaaf akka itti fufu taasiseera jechuun himate.

Gareewwan wal waraanaa turan guyyaa tokkoof illee wal waraansa dhaabuu diduun isaanii, waldhabdee yeroo dheeraaf sodaatamee kaase. Haleellaan walitti fufiinsa qabuu fi dhohinsi guddaan Kaartuum waaltaa naannoo mooraa ministeera ittisaa fi buufata xiyyaaraa keessatti har’a dhaga’amuu danda’eera.Aarri guddaanis samii aguugee ture.

Lammiileen Sudaan miliyoonaan lakkaa’aman mana keessatti qabamuu itti fufaniiru, dhiyeessiin isaaniis hir’achaa dhufeera. Gama biraatiin gareen Hakiimotaa tokko Robii har’a akka jedhetti, erga wal waraansii kun dhuma torban darbee ka’ee as lakkoofsi namoota nagaa ajjeefamanii gara 174tti ol guddateera.

Gama kaaniin,Lola kanaan yoo xiqqaate namoonni 270 yoo du’an, 2,600 ammoo madaa’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ministeera Fayyaa Sudaan wabeeffachuun beeksiseera. Lola kanaan walqabatee dhiyeessiin ibsaa fi bishaanii bal’inaan addaan cituun jiraattonni guyyoota dhumaa ji’a soomana Ramadaanaatti rakkachaa kan jiran yoo ta’u, hospitaalota irra caalaan tajaajila ala taasiseera.

Hospitaalonni Kaartuum Keessaa Sababaa Wal Waraansa Hammaateen Cufamaa Jira.

Jeneraalota ol’aanoo Sudaan lamaan gidduutti hookkara dho’een hospitaalotni Kaartuum keessaa jeequmsa keessa bu’anii jiru.

Suuraan Saatelaayitii Plaaneet laab PBC irraa argame naannoo hoospitala tokkootti abidda ka'e agarsiisa, Kaartuum, Ebla 16, 2023.
Suuraan Saatelaayitii Plaaneet laab PBC irraa argame naannoo hoospitala tokkootti abidda ka'e agarsiisa, Kaartuum, Ebla 16, 2023.

Hospitaala daa’immanii Ahmed Qassem jedhamu keessatti hojjettoonni tajaajiila eegumsa fayyaa, dhukkubsattoota kanneen kutaa yaala cimaa keessa jiran irraa kan hafe, hunda baasaa jiru.

Dhiyeessiin jiru dhumaa waan dhufeef, Doktoronni, narsoonni, dhukkubsattoonni fi firoottan isaanii guyyootaaf hospitaalicha keessatti qabamanii jiru.Kunis magaalaan Kaartuum gara dirree waraanaatti waan jijjirateefi.

Kana malees hanqinni hojjettootaa, qorichaafi oksijiinii mudatee jira. Hospitaalichi waan hedduun hanqinni waan isa mudateef jecha , Doktoronni illee dhiisanii deemuu isaanii Dr. Mohaammad al-Mostafaa ibsanii jiru.

Magaalaa Kaartuumii fi magaalaa ollaa taatee Omdurman keessatti , hospitaalonni gara 20 ta’an jiru. Kanneen ammallee hojjechuu danda'an lakkoobsa hojjettoota gadi aanaan yoo ta’u, fi humna ol itti ta'u ibsamee jira.

Kana malees dhiyeessiin gadi bu'uu fi ibsaa ykn bishaan addaan cituu wajjin rakkachaa turan jedhu Doktoronni

Lolli tasa uumame kun nama hunda of eeggannoo malee hakiimotaa fi narsoota hospitaalota keessaa ba’u dhorkee, hojjettoonni biroos dhaabbilee sana akka hin geenye taasiseera.

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa akka jedhetti hospitaalonni Kaartuum keessaa hedduun hanqina “dhiiga, meeshaaleen dhiiga namaaf ittiin kennan, dhangala’aa hidda dhiigaan kennaman, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee lubbuu baraaran biroo” dhabuun rakkataa jiru jedha.

jechuun gabaasan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG