Tigraay keessatti manneen barnootaa waggaa sadii oliif erga cufamanii booda Caamsaa 01, 2023 banamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa naannoo Sanaa beeksisee jira.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Tigraay Kiroos Giyuush har'a Mekelleetti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, yeroo walitti bu'iinsa Itiyoophiyaa Kaabaa tti dhaabbileen barnootaa barbadaa'uun manneen barnootaa cufamuun damee barnootaa dhiibbaa dhukkuuba Koovid 19 hanga ammaatti guutummaatti hin dandamannee irratti rakkoolee jiru daran hammeesse.
Guutummaa naannoo sanaa keessatti barattoonni gara miiliyoona 2.4tti tilmaamaman manneen barnootaa daa’immanii akkasumas manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaatti akka galmaa’an himaniiru.
Lakkoofsi kun daa'imman reefuu umriin isaanii barnoota jalqabuuf ga'e kan dabalatuu dha. Dhaabbileen Mirga Namoomaa naannoo waldhabdeen miidhame keessatti, daa’imman gara mana barumsaatti akka deebi’aniif carraaqqiin cimaan akka taasifamu gaafachaa turaniiru jechu isaanii Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum