Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Gareelee Sudaan Wal Waraanaa Jiranii Akka Taayitaa Gad-Lakkisan Manni-Aangawoonni Maree Ameerikaa fi ka Waayit Haawus Gaafatan


Haleellaa geggeeffae booda abidda ka'e halaalaa, Kaartuum, Sudan, Ebla 16, 2023.
Haleellaa geggeeffae booda abidda ka'e halaalaa, Kaartuum, Sudan, Ebla 16, 2023.

Waldhabdee guyyoota shaniif magaalaa galma mootummaa Sudaan Kaartuum keessatti uumamee booda, paartileen wal waraanan akka aangoo gadhiisan Qondaaltonni Kongireesii Amerikaa fi kan masaraa Waayit Haawus Kibxata kaleessaa, gaafataniiru. Garuu xiinxaltoonni akka jedhanitti, humni Waashingitan Kaartuum irratti qabdu daangeffamuu mala.

Lolli Kaartuum keessatti Sambata dabree miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa ykn hatattamaaa gidduutti ka’e.Gam lameen prezidaantii biyyattii fi itti aanaa isaaniitu hoggana.

Dippilomaatii olaanaa Amerikaa fi Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus haal-duree tokko malee hatattamaan dhukaasii akka dhaabuuf waamicha dhiyeessan dhiyeessan Kibxata kaleessaa immo itti gaafatamtuun pireesii kan Waayit Haawus Kaariin Jiin Piyeer waamicha sana irra deebi’anii dubbatan.

Garuu, Jean-Pierre kan RSA, yoo qaamotni wal waraanaa jiran kana dhaggeeffachuu baatan, bu'aan isaa maal akka ta'u gaafateef, waan jedhan hin qaban.

Akkuuma beekamuu, barbaachisummaa wal waraansa qabaneessuu baayyee ifa gooneerra, akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Amerikaa Antonii Blinken kana irratti yeroo dubbatan dhageessaniittu jedhan.

Waahillii koo kan Kaawunsilii nageenya biyyooleessaa irraas, kana irratti yeroo dubbatu dhageessaniittu. Kanaaf, ani waan isaan jedhan bira darbee waaniin jedhu hin qabu jedhan itti gaafatamtuun preesii kan waayit Haawuus.

Seera baastonni Amerikaa kanneen waa’ee ardii Afrikaa beekan haallii jiru salphaa miti jedhu.

Kibxata kaleessaa miseensi Koree Hariiroo Dhimma Alaa Seneetii Delaware kan ta’an Senator Kris Koons RSA’tti akka himanitti, “Ammallee karaan jeequmsa kana gara xumuraatti geessu hin jiru jedhee abdii hin kutanne, garuu waan baay’ee dhugaa ta’eef qophaa’uu qabnu,Sudaan waraana sivilootaa kan biyya keessaa hunda hirmaachiisetti seenuu akka maltuu hubachuu dha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG