Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Yeroofii ka Tigraay Hojjettoota Mootummaa Irra-Jireessaaf Mindaan Kaffalamu Beeksise


FAAYILII - Namoota waajjira Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigaay fundura darban, Maqalee, Fulbaana 6, 2020.
FAAYILII - Namoota waajjira Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigaay fundura darban, Maqalee, Fulbaana 6, 2020.

Bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay akka beeksisetti hojjattoonni mootummaa naannichaa irra caalaan isaanii amma mindaan ji'a sadii duubatti deebi'ee akka kaffalamu beeksiseera. Hogganaan Biiroo Maallaqaa naannichaa obbo Mihiret Beyyenee, gaazexeessitootaaf akka ibsanitti, hojjettoonni mootummaa Tigraay kuma kudhaniin lakkaa’aman erga Waxabajjii bara 2021, erga humnoonni federaalaa magaalaa guddoo Maqelee keessaa ba’anii as mindaa isaanii hin argine.

Bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay mindaa hafe hunda akka kaffaluuf mootummaa federaalaa waliin marii taasisaa jira. Dhaabbileen federaalaa naannichaa kanneen akka yunivarsiitiiwwanii torban sadii dura mindaa hojjettoota isaanii kan ji'a sadii kaffalaniiru jechuun Mulugeetaa Atsbehaa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG