Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Har'as Wal-Waraansi Meeshaalee Guguddaa Fayyadamuu Dabalatee Itti Fufee Jira   


Sudan
Sudan

Walwaraansi gareewwaan loltoota mootummaa Sudaan giduutti taasifamaa jiru guyyoottan torbaffaadhaaf yemuu itti fufee jiru kannatti, jimaataa har’aa magaalaa Kaartuum keessaatti sagaleen dhukaasa qawwee fi dhodhuhiinsaa cimaan dhagamaa oluun isaa gabaasameeraa.

Akka gabaasinni maddaa oduu al Arabiyaa jedhetti gareewwan lola irra jiran keessaa tokko kan ta’e gareen RSF Ykn umnii dafee qaqqabaa hikaa soomaa raamadaanaa sababeeffachuudhaan guyyoottan sadiif dhukaasaa dhaabuu labsuus gareen waraana biyyaaleesaa gara isaatiin tarkaanfii kanaaf deebii hin kennine.

Dhaabbanni oduu Assooshiyeetid Pirees/AP Kaartuum irraa akka gabaasetti, gareen waraana biyyaaleessaa kamisaa kaleessaa ibsa kenneen garee isaan wal waraanaa jiruu wajjin araaraa akka hin barbaanee fi gareen Muhaamad Hamdaan Digaaloo akka harka keennu qabuu beeksisee jira.

Yunaayitid Isteetsn dabalatee biyyoottan adda addaa yemmuu lammiiwwan isaanii Sudaan keessaa baasudhaaf yaalaa jiran kannatti, Jaapaan xiyyaaraa waraanaa garaa Jibutiitti erguudhaaf yemuu murteesituu, Nizeerlaand immoo xiyyaara waraanaa garaa Jordaanitti ergiitee jirti.

Yunaayitid Isteets meeshalee fi umnoottan waraanaa barbaachisaa ta’an garaa buufataa waraanaa Jibutiitti argamuutti sochoosaa jiraachuu ishee APn gabaaseeraa.

Waamichii dhukaasaa dhaabuu biyyii masiri fi Yunaayitd Arab Emaereets taasisaan fiixaan bahuu hin dandeenyee. Karaa biraatiin Loltoonii ishee Magaalaa Marawii keessaatti garee umna dafee qaqqabaatiin kan jalaa qabamanii turan Masir, loltootaa ishee biyyatti deebiisuu ishee akka beeksifte gabaasameera.

Amma amaatti gabaasaa ifaa ta’ee jiruun namoonii 330 du’anii 3300 kan ta’an madaa’anii jiru. Magaalaa Kaartuumii irraa Kiiloo meetrii 400 fagaatee garaa kibbaa lixaatii argamuu bakka Obee’id jedhamu keessaatii lola cimaa taasifameen siviilonii 26 fi miseensonii poolisii 17 ajjeefamuun isaanii beekameera.

Akkaa dhaabanii mootumoota gamtoomani jedheetti yeroo ammaa yoo yarate lammiileen Sudaan miiliyoonii 16 gargaarsaa namoomaa barbaadu. Dhaabataa mootumootaa gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimmaa ijoollewanii irrati hojjatu UNICEF gama isaatin akka ibsetti tajaajilli ijoolleewaan hordooffiin addaa isaan barbaachisuu kuma 50 ta’en gargar cite jira.

Akka gabaasonni jedhaniitti erga lolichii jalqabamee as lamiileen sudaan kuma 20 ta’an gara biyyaa Chaadti baqatani jiru. isaan keessaa 320 kan ta’an loltootaa ta’uun isaanii beekameeraa.

Karaa biraatiin baratoonni ishee kan Kaartuum keessatti qabamanii turan Somaliyaan baratootaa 50 kaartuum keessaa baaftee garaa daangaa ityoophiyaati ceesisuu ishee haanga’onii mootummaa Somaliiyaa sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Guyaa har’aa namoottan ijaan argan akka ibsanitti, namoottaan kumaatamaan lakkaawaman magaalichaa gadi lakkisanii bahuudhaaf buufataa Atoobusii Kaartuum keessatti argamuu keessa jiru. Gara kutaaa laga Naayiil magaala kaartuum irraa kiiloomeetiri 350 fagaatuu deemuudhaaf gatiin tikeetaa Kanaan duraa pawwondii Sudaan kuma 10 ture amma gara kuma 40 ti ok ka’ee jira.

Yeroo waamichii dhukaasa dhaabuu karaa adda addaatiin itti fufee jiru kanti, gamtaan Afrikaa walgahii atattamaa taasiseen kamisaa kaleesaa halkan walakaadhaa jalqabee Sababa Ayyaanaa Soomaa hiikaatii dhukaasni turban tokkoof dhaabatee akka haalii gargaarsaa namoomaa mijatuu gaafatee jira. Barreesaan muummee dhaabataa mootumootaa gamtoomani Antoniyoo Guteereessis gama isaaniitin waamicha dhukaasaa dhaabuu dhiheesuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG