Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Mootummaa Waraanaa Sudaan Viidiyoodhaan Ergaa Dabarsan 


FAAYILII - Hoogganaan Mootummaa Waraanaa Sudaan Jeeneraal Abdeel Fattaah Burhaani
FAAYILII - Hoogganaan Mootummaa Waraanaa Sudaan Jeeneraal Abdeel Fattaah Burhaani

Garee yeroo ammaa mootummaa sudaan bulchaa jiru kan hogganan Jeeneraal Abdeel Fattaah Burhaani adeemsii gara mootummaa siviilotaatti cehuu akka itti fufu ibasanii jiru.

Jeeneraal Adbel Fattaah Burihaanii hiika soomaa raamadaanaa ilaalchisuudhaan jimaata har’aa ergaa suur-sagaleedhaan dabarsaniin, waraanii biyyaa isaanii waadaa aangoo garaa bulchiinsa siviilotaatti dabarsuudhaaf galee fiixaan akka baasuu ibsaniiru.

Erga walwaraansi garee jeeneraalota lamma giduutti jalqabamee as yeroo jalqabaatiif isa ta’ee ergaa suursagalee kanan kan dubbatan Burhaniin,

“ rakkoo kana leenjii, ogummaa fi umnaa qabnuun irraa aannee , nageenyaa fi tokkumaa biyyaa eegnee, garaa mootumaa siviilotaa naga qabeessaa ta’etti akka ceenuu imaanaa akka nuuf kenitaan amantaan qabaa” jedhaniru.

Jeneraal Burhaanii fi kan yeroo ammaa isaniin lolaa jiran Mohaamad Hamdaan Dagaalo erga bara 2021 aangoo fonqolchaan qabatani kaasee amma mootummaan siviilotaa dhaabatuutti akka biyyatti tiksan ibsaa turuun isaani ni beekama.

Haata’uu malee lamman isaani iyyuu walgaltee siyyaasaa garaa mootummaa sivilotaatti ceesisu malatteesuu hin dandeenyee.

Ergaan Jeneeraal Burhaaniin suur sagaleedhaan dabarsan yoom fi eessaatti akka waraabamee addaan baasee wantii ibsuu hin argamne.

Burhaaniin ergaa kana Ed al Faxiriin sababeeffachuun haadabarsan malee guyyaa ayyaanichii kabajamutti magaalaa Kaartuum bakkaawwan hedduu keessaatti sagaleen dhukaasa qawwee fi dhodhohiinsii akka hin dhaabbanne beekameera.

Akka dhaabanii idilee adduunyaa Kiraayisis Gruup jedhamuu ibsetti waraanii biyyaalessaa Sudaan inni Jeeneraal Burhaaniidhaan hogganamu ol aantumama argatee magaalaa Kaartuumiin Too’atee, gareen Dagaaloo immoo garaa Daarfuurti baqqatee biyyaattin walwaraansaa siviilotaa haaraa keessaa seentee nageenyaa biyyaa olla Chaad, Repabilikii Walakeessaa Afrikaa, kan Libiyaa fi Sudaan kibaa garaa booreessutti deemuun isaa hin oolu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG