Dhaabbanni mootummoota gamtoomaanii xiyyaarotaa baha Koongoo keessatti gargaarsaa namoomaaf itti fayyadamaa jiru halluu bifaa birtukaanaa dibuu isaa beeksisee jira.
Dhaabbanni mootummootaa gamtoomanii tarkaanfii kan fudhatee Helikoopteroota dhaabbata sagaantaa midhaan nyaataa/WFP Lama xiyyaarotaa dhaabatichaa kan warra naga eegdotaa irraa, adda baasudhaan haleellaa hidhatootaa irraa baraaruudhaaf akka ta’e ibsameera.
Bakka bu’an WFP kan naannichaa, akka jedhanitti halluu helikoopteerootaa gara bifa burtukaanaatii kan jijjiruun barbaachis mallattoo Nagaa fi Loogii hinqabnee akka ta’uufi.
Baha Koongoo keessatti gareen hidhatootaa M23 jedhamuuf gareewwan biroo haleellaa wagga tokkon darbee kaasee raawwachaa jiranuun, namoonii heduun qe’ee isaanii irraa buqa’anii gargaarsa namoomaafi saaxilamanii jiru.
Wagga darbee haleellawan 293 hidhatootaa raawwachuu isaanii kan ibsee dhaabbanii mootummootaa gamtoomanii, haleellaa Kanaan hojjattoonni gargaarsa namoomaa Sagal du’aniru. Ji’a Amajjiitti amma ji’a Bitootessaa bara 2022 ti namoonii 20 ukkamsamanii fudhatanii jiru.
Bitootessa darbee keessaa helikoopteerii nagaa eegdotaa dhaabbata mootumootaa gamtoomanii ykn MONUSCO jedhamee beekamuu kufee naga eegdonni Saddeeti du’aniru.
Mootummaan Koongoo gochaa kanaa fi garee hidhattootaa M23 himatus dhaabichii garuu himanichaa haalee jira. ji’a guraandhalaa keessas xiyyaaraa naga eegdotaa dhaabatichaa irratti qileensaa irratti dhukaasinii itti banamee miseensii naga eegdotaa tokko du’uu isaa dhabbanii mootumootaa gamtoomanii ibseeraa.
Forum