Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Lammiilee Ishee Sudaanii Baasuuf Jirti 


FILE - A picture shows the U.S. Embassy in Khartoum, Oct. 11, 2003.
FILE - A picture shows the U.S. Embassy in Khartoum, Oct. 11, 2003.

Yunaayitid Isteets hojjatootaa embaasii ishee Sudaan keesaa baasuudhaaf yemmuu qophaawaa jirtu kanattii Ministirri Ittisaa Peentaagoon waraanaa isaa naannoo sudaan qubachiisaa akka jiru gabaasameera.

Minsteerii dhimmaa alaa Yunaayitid Antoonii Biliinken fi haanga’onni Mootummaa Yunaayitid Isteets biroo ammaa Dilbata Iftaaniitti akka dhukaasinii dhaabbatu waamichaa taasisaa yemuu jiran kanatti, ajajinii waraanaa Amerikaa kan Afrikaa haalaa Sudaan keessatti adeemaa jiruu dhiheenyaatii too’achaa akka jiruufi haalaa yeroo mudamaa umamuu danda’uuf of qopheesaa jiraachuu isaa itti aanaa dubbii himaan mimsitira dhimmaa alaa Vedaant Paateel beeksisaniiru.

Dubii himaan mana maree nageenyaa biyyaalessaa Joon kerbii gama isaaniitin, gareewwaan wal waraanaa jiran lamman akka lola dhaabanuu Yunaayitid Isteets dhiibaa gochaa jiraachuu ishee ibsanii, hanqinii midhaan nyaataa fi bishaanii akkasumasi kan qorchaa mudaachuu isaa ibsaniiru.

Lammiileen Yunaayitid Isteets yeroo ammaa Sudaan keessaa jiran kuma 16 akka ta’anu kan tilmaamamuu yemuu ta’u, hojjattoonni embaasii Yunaayitid Isteets immoo namoottan 70 ta’uun isaanii beekameera.

Yunaayitid Isteets lammiilee ishee Sudaan keessa jiran baasuudhaaf yoo barbaachisaa ta’e waraan ishee Jibuuti keessa buufatee jiru akka fayyadamtu ibsameeraa.

Dhimmaa kana irratii VOA dhaaf yaadaa kan kennaan ogeesii mootummaa Yunaayitid Isteets , bulchiisinn Joo baayiden sardamsuudhaan waan Afgaanisitaan keessatti raawwate Sudaan keessatti irra deebi’uu dhiisuu malaa.dhimma kana irratti Karoorrii qophaa’ee ammaaf ifa miti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG