Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Sudaan Kuma Heedduun Waraansa Biyyattii Keessaa Baqataa Jiru 


Namoonni yeroo walitti bu'iinsa Humnoota Deeggarsa Saffisaa waraanaa fi waraana edduutti Kaartuum Kaabaatti uumameetti yeroo baqatan konkolaataa fe'umsaa yaabbachuuf walitti qabamanii, Ebla 26, 2023.
Namoonni yeroo walitti bu'iinsa Humnoota Deeggarsa Saffisaa waraanaa fi waraana edduutti Kaartuum Kaabaatti uumameetti yeroo baqatan konkolaataa fe'umsaa yaabbachuuf walitti qabamanii, Ebla 26, 2023.

Buqqaatonni kumaatamaan lakkaawaman Sudaan naannoo walitti bu’iinsii jiru irraa, gara naannoo nageenya qabutti baqachaa jiru. Kibxata kaleessaa buufata konkolaataa Omdurman keessatti namoonni abdii kutatan lola kana irraa fagaachuuf jecha, konkolaataa fe’umsaa fi otobusii yaabbachuuf gatii tikkeettii guddaa baasaa turan.

Ebla 15 irraa eegalee humnoota waraanaa Sudaan fi garee humna waraanaa Deeggarsa Saffisaa jedhamuun beekamu gidduutti jeequmsi hammaataa dhufuun, Sudaan jeequmsa keessa galchee, uummata biyyatti duraanuu gargaarsa irratti hirkataa guddaa ta’e kana gara qarqara kufaatii irra dhaabee jira. Walitti bu’iinsa kanaan dura, Tokkummaan Mootummootaa, ummata Sudaan keessaa harki sadii ykn gara miliyoona 16 gargaarsa akka barbaadan tilmaameera, lakkoofsi kun amma dabaluu mala.

Jiraataa Omdurman kan ta’an Khalid Jibril, kan baha giddugaleessa Sudaan kutaa Al Jazirah keessatti argamu irraa gara Wad Madaniitti baqachaa jiran akka jedheetti, haalli jireenyaa “baay’ee rakkisaa” ta’uu isaa fi namoonni maallaqa herrega baankii isaanii keessa jiru argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG