Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Dhimma Walwaraansa Sudaan Irratii Ibsa Laateen Qaamni Alaa Akka Itti Hin Seenne Akeekkachiise 


FAAYILII- Gamtaa Afrikaatti Komishiinerii dhimmaa Siyaasaa, nagaa fi egumsaa nageenyaa Baankoolee Ade’oyee
FAAYILII- Gamtaa Afrikaatti Komishiinerii dhimmaa Siyaasaa, nagaa fi egumsaa nageenyaa Baankoolee Ade’oyee

Biyyi Sdaan balaa iyyumaa fi jeequmsaa dacha ta’ee keessaa seenuu ishee kan ibsee gamtaan Afrikaa qaamoleen alaa dhimma biyyatti keessa akka hin seennee gaafatee jira.

Gamtaa Afrikaatti Komishiinerii dhimmaa Siyaasaa, nagaa fi egumsaa nageenyaa Baankoolee Ade’oyee walwaraansaa Kanaan kan ka’ee magaalaa kaartuumi fi magaalota biyyatti biroo keessatti bu’uuraaleen misoomaa jireenyaa hawaasaaf barbaachisaa ta’an kan akka bishaanii fi umna elektiriikaa irratti badiinissi cimaan raawwachuu isaa ibsanii jiru.

Sudaan kanan dura iyyuu rakkina diinagdee cimaa keessaa akka jirtu kan ibsan Bankooleen, walwaraansichii haala jeequmsaa tilmaamamuu hin danda’amnee fi kan Kanaan duraa mul’atee hin beeknee keessaa biyyatti akka galachaa jiru himanii, dhiibbaan irraa deebi’amee sirra’uu hin dandeenyee akka umamuu danda’u eeruun isaanii gabaasameera.

Gamtaan Afrikaa gareewwan walwaraanaa jiran lamman garaa mariitti fiduudhaaf yaalii gochaa jiraachuu isaa akkasumas, haalaa biyyatti dhiheenyatti hordofaa jiraachuu isanii kan hubachiisaan haanga’an gamtichaa kun, qaamoolee biroo dhimichaa keessa harkaa galfatanii rakinicha caalaatti akka hin babaldhifne akka gaafatan, rakkinaa ardichaa akka jaarmiyaaleeni fi biyyoottan ardichaa furuu danda’an dubachuun isaani ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG