Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lollii Sudaan Yommuu Itti Fufee Jirutti, Xiyyaarrii Biyya Tarkii Rukutame 


Sudanese army posts photos of a Turkish transport plain that they claim was shot up by RSF, in Khartoum
Sudanese army posts photos of a Turkish transport plain that they claim was shot up by RSF, in Khartoum

Walwarwansa Sudaan keessatti Taasifamaa jiruu tasgabbeesuudhaaf waliigalteen dhukaasa dhaabuu saa’tii 72f taasifamus jimaata har’aa magaala Kaartuum keessatti dhukaasa xiyyaarotaa, taankotaa fi meeshaalee waraanaa gurguddoo irraa kan ka’ee haarii gurachii samii irratti akka mul’achaa oole gabaasameera.

Walwaraanssi gareewwan waraana biyyatti gidduutti Eblaa 15 jalqabame kun, lubbuu namoota dhibbaan lakkaawamani galaafatee kan kumaatamaan lakkawaman madeesee, namoottan kuma kurnaniin lakkaawaman immoo jireenyaa isaanii irraa buqisee ammas itti fufee jiru, jiraattotaa magaalaa guddichaa biyyatti Kaartuum keessa jiraatan irratti sodaa cimaa umaa jiraachuu isaa maddi oduu Rooyiters gabaaseera.

Gabaasinni Rooyiters kun, xiyyaarri biyyaa Tarkii lammiilee biyyatti Sudaan keessaa baasaa ture buufataa xiyyaaraa magaalaa Kaartuumi allatti argamuufi “Waadii Seeyidina” jedhamuu irraatti garee umnootaa dafee qaqqabaa ykn RSF jedhamee beekamuun rukutamuu isaa waraanni Sudaan beeksisu isaa ibsee jira.

Ministirri ittisaa biyyaa mootummaa Tarkii xiyyaarichii akka rukutame mirkaneesuu isaa fi namootta irratti miidhaan qaqqabee akka hin jirree ibsuu isaa kan eere gabaasinni Rooyiters, gareen RSF himaanaa irratti dhihaate haalee oduu dharaa waraanni Sudaan tamsaaseedha jechuu isaa beeksiseera.

Haalli labsii dhukaasaa dhaabuu Sa’aatii 72f jiraatus magaalaa Kaartuumiif Undurumaan keessatti sagaleen dhukaasaa itti fufee jirus qaawwaa tasgabii argameetti fayyadamuudhaan, jimaataa har’as lammiilee Sudaan fi biyyoottan alaa karaa lafaatiin, xiyyaaraa fi galaan irraan biyyatii keessaa bahuu itti fufuu isaanii Rooyoters gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG