Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Namoottan Sudaan Keessaa Bahaa Jiraniif Gargaarsaa Taasisaa Akka Jirtu Ibsame  


Amb. Meles Alem
Amb. Meles Alem

Lammiilee biyyoottan heduu walwaraansaa Sudaan kessatti taasifamaa jiruu jalaa baqachaa jiran gargaaruu akka itti fufee jiruu ministirrii dhimma alaa Ityoophiyaa beeksisee jira.

Dubbii himaan ministira dhimmaa alaa mootummaa Ityoophiyaa ambaasadeer Meles Aleem jimaata har’aa ibsaa gabaastotaaf keenaaniin mootummaan baqattootaa simachuudhaaf kellaawwan adda addaa qopheesuu isaafi gargaarsaa ykn Loojestika gara sanatti sochoosuu isaa ibsanii jiru.

Lammilee biyyaa isaanii Sudaan keessaa basuudhaaf biyoottan karaa sarara dipiloomaasitiin gaaff dhiheesaanif Ityoophiyaan gargaarsa kennaa jirtu itti fufuu ishee ambaasadeer Meles dabalanii kan ibsan yemuu ta’u, embaasiin yunaayitid Isteets Finfinneeti argamuu lammiilee Yunaayitid Isteets Sudaan keessaa baasuu irratti gargaarsaa mootummaan ityoophiyaa fi Umnii itisaa biyyatti taasiseef galata qabuu fuulaa Feesbuukii isaa irratti ibsuun isaa beekameeraa.

Haalumaa walqabateen, muummichii ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahemad, hoggantootaa gareewwan Sudaan keessatti walwaraanaa jirani Jeeneraal Abdul fattaah al- Burhaanii fi Jeneraal Mohaamed Hamdaan Dagaaloo wajiin haasaa bilbilaan taasisaniin waldhabidee isaanii heekanii akka biyyattii gara tasgabbiitti deebisan gaafachuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG