Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Obbo Girmaa Yeshiixilaa Irratti Raawwatame Balaaleffatamee Jira 


 Miseensa hoji raawwachiistuu paartii badhaadhinaa ii itt gaafatamaa waajjira paartichaa kan naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshixilaa
Miseensa hoji raawwachiistuu paartii badhaadhinaa ii itt gaafatamaa waajjira paartichaa kan naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshixilaa

Muummichi ministeeraa Ityoophiyaa Abiyi Ahimed, hoggantoonni bulchiinsaa naannoowwani fi paartiileen mormitootaa ajjeechaa Itti gaafatamaa paartii Badhaadhinaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaa irratti raawwate balaaleffataniiru.

Miseensaa koree hojii raawachiiftuu Paartii badhaadhinaa fi bulchiinsaa naannoo Amaaraatti sadarkaa Itti aanaa prezidaantiitti, itti gaafatamaa Paartichaa kan ta’an oboo Girmaa Yeeshiixilaa waardiyyoota isaanii wajjin gareewwan hidhattootan kan ajeefaman, naannoo bulchiinsa Amaaraa magaalaa Godinaa Shawaa kaabaa keessatti argamuu Mahaal Meedaa irraa ittuu garaa magaalaa Debrebirihaanitti imalaa jiranuu bakka addaa “ Menz Guwaassaa” jedahmutti akka ta’ee gabaasameera.

Ajjeechaa kanaaf mootummaa garee hidhattootaa “umnoota finxaaleeyyota” jedhee waamee kan balaaleffate yemmuu ta’u, mummichi ministeeraa Abiy Ahemad gochichii leeyyaasisaa fi Suukannessaa dhaa jechuudhaan ibsanii jiru.

Mootummaan warreen gochicha raawwataan adamsee seerratti akka dhiheesuu kan dhaate yemuu ta’u, paartiin mormituu “ sochii biyyaalessaa Amaaraa” qorannoon gadi fageenya qabuu fi bu’a qabeessa ta’ee akka taasifamu waamichaa dhiheesuu isaa Masfin Arraagee gabaseera

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG