Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiilee Biyyaa Alaa Sudaan Keessaa Baasuun Itti Fufee Jira    


Lammiiwwan biyya alaa Sudaan keessaa ba'uu itti fufan
Lammiiwwan biyya alaa Sudaan keessaa ba'uu itti fufan

Walwaraansa Sudaan keessatti itti fufee jiruun walqabatee biyyootaan lamilee isaanii baasuu itti fufanii jiru. Lammileen Yunaayitd Isteets 1000 ta’an amma ammaatti kan bahan yemuu ta’uu Lammiileen Somaliyaa 100 ol ta’an Kaartuum keessaa bahuu isaani mootummaan Somaliyaa beeksisee jira.

Lammiileen Somaaliyaa 148 Dilabataa dheengaddaa galgalaa magaalaa kaartuum irraa xiyyaaraan kaasamanii yemmuu Moqadishoo gahan, haanga’aootaa ministiraa dhimmaa alaa mootummaa biyyatii keesaa tokko kan ta’an Abdurahimaan Nur Mohaamed Diinaarii Somalonni Sudaan keessatti hafaan dhiheenyaa kana akka biyyatti deebisaman ibsuun isaanii gabaasameera.

Lammiilee Somaaliyaa Sudaan keessaa baqatanii Ityoophiyaa Seenanis biyyatti deebisuudhaaf embaasiin biyyatti Sudaanii fi Ityoophiyaa keessa jiraanuu wajjiin hojjachaa akka jiran haanga’an kun ibsaniiru.

Mohaamed Sheek Nuur Moqadishoo irraa VOA dhaaf akka gabaasetti, yeroo ammaa lammiiwwan Somaaliyaa Sudaan kessatti hafan kuma 8 ta’an keessaa kuma Sadi kan ta’an barattoota.

Haaluma walqabateen ministirri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets akka jedhetti, gargaarsa geejibaa mootummaan Yunaayitid Isteets qindeesseen lammilee Amerikaa lakkoofsii isaanii addan bahee hin beekamene dabalatee namoota 700 karaa Poort Sudaaniin biyyatii keessaa baasuun danda’ameera.

Itti anaa dubbi himaan ministiraa dhimma alaa Vedaant Paateel akka jedhanitti haanga’nii 200 ta’an Jibutii, Jidhaa, Nikoosiyaa fi Naayiroobii keessaatti argamuudhaan akkaataa namoottan Sudaan keessaa baha jiran hordofuu fi haala mijeesuu irratti hojachaa jiru.

Akka paateel dabalanii ibsanittii, wareen karaa Poort Sudaan bahan ittu hin dabalatin amma ammaatti lammiileen Yunaayitid Isteets 1000 ta’an Sudaan keessaa bahaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG