Dhaabani mootumootaa gamtoomanii wixata kaleessaa akka ibsetti lola Sudaan keessatti taasifamaa jiruun kan ka’ee nmoonii kuma 800 ta’a jireenyaa isaanii dhiisanii akka baqatan taasisuu danda’a.
Afrikaa keessaa heddumina ummatatin biyyaa sadaffaa kan taate Sudaan keessatti walwaraansii taasifamaa jiru lammilee biyyatti kuma 800 ta’an akka garra biyyaa olaatti godaansisuuu dand’au kan ibsee dhaabanni mootummootaa, godaansa kana hordofuudhaanis balaan baldhina qabu muudachuu danda’a jechuudhaan akka yaaddoo qabuu wixata kaleessaa ibsee jira.
Dubbi himaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Stiifen Dujaariik ibsa gabaastotaaf kennaniin dhaabatichii, gargaarsaa namoottan kum 800fi akka of qopheesaa jiru himanii amma ammatti namoottan kuma 73 ta’an biyya gadi lakkisaanii bahuu isaanii mirkaneesaniru.
Ajjechaa dhiheenyaa kana hojjatootaa isaa Sadii irratti Sudaan keessatti raawwateen kan ka’ee sochii tajaajila gargaarsaa kan gar gar kutee turee sagantaa nyaata adduunyaa/ WFPn gargaarsaa isaa akka debisee itti fufee kan ibsan Stiifen Dujaariik, gargaarsaa taasifamaa jiru irratti bakka adda addaatti Saamichii raawwachaa akka jiru ibsuun isaanii gabaasamera.
Forum