Gareewwan Sudaan keessatti walawaraanaa jiran wali galtee dhukaasaa dhaabuu Sa’ati 72f itti fufanus biyyatti keessatti dhukaasinii akka hin dhaabanee gabaasaa jiraa. Gareewwan lamman Sa’udi Arabiyaa keessatti marii taasisuudhaaf tole jedhaniiru.
Wali galteen sa’atii 72f yeroodhaaf dhukaasaa dhaabuu torban darbe irraa gahamee ture gaafa dilbataa sa’atii 72 biraatiif akka itti fufu taasifamus qibxataa har’aa ganamaa haarri dhukaasaa meeshaalee waraanaa samii Kaartuum irratti mul’achaa akka ture maddi oduu Asooshiyeetid Prees/AP gabaaseera.
Akka gabaasinii kun jedhetti wali galteen yeroodhaaf dhukaasaa dhaabuu torban darbe keessa taasifame kan hojii irraa ole bakkeewaan muraasa keessatti. Bakkawwan bal’aa keessatti garuu dhukaasinni itti fufee namoottan heddunn akka mana isaanii gadi lakisanii bahan , wareen bahuudhaaf qaawwaa hin arganne immoo akka nama isaanii keessatti qabamanii taa’an isaan taasiseeraa.
AP Sudaan keessatti bakka bu’aa olaanaa dhaabbataa mootummoota gamtoomanii Voolker Peertees waabeffachuudhaan akka gabaaseetti, jeeneraalonni walaraanaa jiraan waldhabdee isaanii mariidhaan hikuudhaaf wixata kaleessaa bakka bu’oota isaanii gara biyya Sa’udi Arabiyaatti erguudaaf tole jedhaniiru.
Akka haanga’an olaanaa Dhaabata mootummootaa gamtoomanii kun jedhanitti mariin Sa’udii keessatti taasifamuu kaayyoon isaa innii duraa waligalitee dhukaasa dhaabuu dhaabataa fi amansiisaa ta’e irraa gahuudhaa.
Kaayyoon mariichaa dhukaasaa dhaabuu haa’atu malee gareewwan wal waraanaa jiran lamman tolee jedhanii dhukaasaa dhaabanii gara marii itti aanutti ni deemuu laata ? sodaan jedhuu jiraachuu isaa haanga’onni mootummootaa gamtoomanii dubbachuu isaanii APn gabaaseera.
Forum