Xurree ittiin seenan

Breaking News

Motummaan Ertiraa Garee Waraana Sudaan Jeeneraalal Buraaniin Hoogganamu Akka Deggeru Dubbate   


Prezidaantii Eertraa Isaayyaas Afewerqii
Prezidaantii Eertraa Isaayyaas Afewerqii

Wal waansa Sudaan keessatti taasifamaa jiruu irratti garee jeeneraal Al Burhaanii wajjin akka dhaabatan Prezidaantii Ertiriyaa Isaayyaas Afewerqii ibsuu isaanii Gabaasnii Birhaanee Berehee Asmaraa irraa VOA daaf Ergee ibseera.

Prezidaant Isaayiyaas waa’ee walwaraansa Sudaan keessatti taasifamaa jiruu irratti wixata kaleessaa ibsaa midiyaa mootummaaf keennaniin mootummaan isaanii garee waraana biyyalessaa Sudaan kan jeneraal AbdulFatah al Buraanii akka deggeruu himaniiru. Akka Isaayyas jedhaniitti waraanii biyyaleesaa Sudaan kan saba Sudaan maraati.

Prezidaant Isaayyas ibsaa kenaan kana keessatti, seenaa siyaasinni Sudaan keesaa adeemaa turee ibsanii, Siyaasa Sudaan keessatti Dogoggorrii guddaan Umamee Sudaan kibbaa akka Sudaan irraa fotoqu taasisuudhaa jedhaniiru. Akka Isaayyas jedahnitti Sudaan kibbaa Sudaan irraa Fottoquun ishee dogoggoraa seenaa raawwatameedhaa.

Lamiilee Sudaan walawaraansaa irraa baqatanii garaa Ertiraa seenaan, biyyi isaanii akka simachaa jirtuu kan ibsab Prezidaant Isaayyas , baqattootaa Sudaan simachuudhaaf akka mooraa baqqatootaa hin ijaaree himanii lamiileen Ertiraa hunduu akka keessaaumaatti mana isaaniitti akka isaan simachuu qabuu dubbataniiru.

Prezidaant Isaayyas ibsa afaan Tigirifaa fi Arabifaan kennan kana keessatti Sudaan akka waraanaa biyaaleessaa walabaa ta’ee tokkoo qabachuu qabdu hubachisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG