Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessaatti Tajaajilii Raabsaa Midhaan Nyaataa Addaan Cituu Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa Beeksise   


WFP
WFP

Dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti jarmiyaan gargaarsaa nyaataa Tigraay keessatti hanna midhaan nyaataa irratti raawwatameera jedhame qorachuudhaaf jecha , sochii gargaarsaa raabsuu yeroodhaaf addaan kutuun isaa gabaasamee jira.

Dhaabbataa mootumootaa gamtoomanii fi michuuwwan biroo irraa gargaarsaa fuudhuudhaan Tigraay keessatti itti gaffatamumaadhaan kan raabsaa turee sagantaan nyaataa Aduunyaa/ WFPn, gabaasa midhaan gargaarsaa hatamee gabaatti dhihaachaa jira jedhu qorachuudhaaf raabsa gargaarsaa addaan kutuu isaa hojjattooni gargaarsaa namoomaa himuu isaanii kan gabaasee madda oduu Asooshiyeetid Preesi/AP.

Midhaan gargaarsaa kana irraatti hannii raawwachaa jiraachuu isaa Kanaan duraa kan ibsan hojjattonni gargaarsaa namoomaa eenyummaan isaanii akka hin beekamne barbaadan Sadii, Ebla 20 bara 2023 jalqabee gargaarsi dhaabachuu isaa mirkaneesuu isaan APn dabalee gabaaseera.

Ji’a darbe keessaa hojjattoonni gargaarsa namoomaa lama midhaan namoottan kuma 100 nyaachisuuf oolu karaa seeraan alaatin kuusa keessaa bahuudhaan gurguramaa akka jiru ergaa AP ti himanii boodaa Ityoophiyaatti daareekteerri WFP miliquu gargaarsaa namoomaa ilaachisee odeeffannoo qaban akka waliif qoodan Ebla 5 xalayaa dhaabilee gargaarsaa birootiif barreesaniin gaafachuun isaanii b eekameera.

Prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naanoo Tigraay obbo Geetacheewu Radda, ji’a darbee magaala Maqalee keessatti yemuu Ityoophiyaatti daarekteera WFP wajjin wal argan dhimmaa gargaarsa nyaataa hatamanii gurguramaa jiraanii irrati dubbachuu isaanii kan ibsee daabanii oduu AP dhimma gargaarsa nyaataa gar gar kutuu irratti WFPn battalatti akka deebii hin kennine gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG