Gareelee Sudaan keessatti wal waraana giddutti walii galteen dhukaasa dhaabinsaa tolfamuus, wal waraansii cimaan Jimaata har’a magaalaa Kaartuum fi naannoo ishee keessatti itti fufee akka jiru gabaafameeera.
Waraanni Sudaan fi Humni Ittisa Saffisaa walii isaanii kaartuum waaltaa keessaa dhiibanii wal baasuun, naannoo masaraa pirezidaantii fi waajjira muummee waraanaa to’achuuf yaalaa waan jiran fakkaata.
Waashingitan irraa Pirezidaant Joo Baayiden jeequmsa itti fufee jiru gaddaniiru. Lammiileen Sudaan kanneen biyyatti keessatti dimokiraasii gufachiisuuf dhiibbaa gochaa jiran kamiyyuu, daldala maallaqaa herrega baankii Amerikaa keessaa qaban ykn qabeenya qabaachuu danda’an kamiyyuu akka hin sossoonee dhorkuuf qoqqobbii kaa’anii jiru.
Hokkarri Sudaan keessatti raawwatamaa jiru balaa guddaa-akkasumas gaaffii ifa ta’e kan ummanni Sudaan mootummaa siiviilii fi gara dimokiraasiitti ce’uuuf gaafataa jiru ganuudha,” jechuun Baayiden ibsa baasaniin hubachiisan.Hokkarri lubbuu lammiwwan Sudaan dhibbaan laka’amu galaafatee kun dhabachuu qaba jedhan Baayden.
Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Gutereez lola Sudaan keessatti geggeeffamaa jiru akka dhaabbatuu fi ummanni Sudaan rakkoo gargaarsa namoomaa biyyatti mudateef addunyaatti deeggarsa akka godhu waamicha dhiyeessan.
Forum